• Fri. Apr 24th, 2026

Faalasxiin Rafaah keessatti boombiin Israa’eliin darbatame gamoo caccabsuu fi  lubbuu namaa irraan miidhaa geessisuu Aljazeeraan gabaase

Nov 1, 2023

ONM-ABO Sadaasa 1, 2023

Akka Aljazeeraan gabaasetti haleellaan qilleensaa Israa’el naannoo marfama keessa jirtu Gaazaatti babal’achuun kibba Gaazaatti kan argamtu bakka Raafah jedhamu rukuchuun itti fufeera. 

Duulli waraanaa amma guyyaa 25ffaa isaa irra ga’e kun, namoota Gaazaa miliyoona 2.3 marfama jala jiraataniif yaaddoon idil-addunyaa guddachaa dhufeera.

Amma taankiin Isiraa’el fi buldoozaroonni hidhannoo qaban caccabaa gamoolee Gaazaa keessa yeroo oofamaa jiran kanatti waraanni magaalaa cimaan sodaatamaa kan jiru yoo ta’u, kanuma kan cimsu dubbi himaan waraana Israa’el Daani’eel Hagaarii lammiileen nagaa Faalasxiin gara kibbaatti “gara naannoo nageenya qabuutti” akka deeman itti himaniiru.

Garuu magaalaa daangaa Rafah jedhamtu keessattillee namoonni ammallee hanqina nyaataa, bishaanii fi qorichaan rakkachuun cinaatti boombii Israa’el irraa nageenya fi wantoota bu’uuraa illee argachuuf dararamaa jiru.

Haleella humni qilleensaa Israa’el mooraa baqattootaa Jaabiliyaa irratti raawwatte jedhame hordofee Sa’uudii Arabiyaan tarkaanfii ‘xiyyeeffannoo namummaa hin qabne’ jechuun balaaleffatte. 

Sa’ud Arabiyaan karaa ministeera  haajaa alaa ishee akka ibsitetti Israa’el mooraa baqattootaa Jabaliiyaa irratti “namummaa malee xiyyeeffachuu” ishee balaaleffatteetti.

Haleellaan yeroo dhiyoo mooraa  baqattootni  baay’inaan keessa jiraatan irratti raawwatame “namoota nagaa qulqulluu baay’ee kan ajjeesee fi miidhaas irraan ga’eera” jechuun ibsichi dabalee addeessa. 

Wal waraansi Israa’elii fi Hamaas gidduutti eegale gareewwan adda addaa  biyyoota ollaa irraa hirmaachisuu itti fufeera.

Akka kanaanis haleellaa misaa’elaa fi diroonii gareen finciltootaa Huutii Yemen irraa gara Israa’elitti darbatame Ameerikaan humna galaanaa isheen qolachuu erga beeksisteen booda gareen Huutii gidduu kana Israa’eliin haleelaa jirra, fuula duras ni haleella jechuun dhaga’aameera.

Gama biraatiinis gareen Hizbollaah waraana Israa’el waliin daangaa Libaanos irratti wal waraansa irra akka jiru beeksisuun loltootni isaa 40 lola kanaan du’uu himeera.

Ammas Hizbullaah’n gareen finciltootaa Hamaas waliin wal arguun tarkaanfii waloof mari’achaa akka jiru kan ibsame yoo ta’u, Hizbollaah’n Iraaniin deggeramu guutuutti lola kanatti kan seenu yoo ta’e, baalaastik misaayila qabu waliin Israa’eliif yaaddessaa ta’uun dubbatamaa jiraatus gareen kun armaan duras lola guyyoota dheeraa geggeessuun Hizbollaah’n dadhabsiifamee turuun ni beekama.

Haa ta’u malee yeroo ammaa lammiileen Israa’el addatti  xiyyeeffatamaa jiraachuu fi hariiroon dippilomaasii ishee gaaffii keessa galaa kan dhufe yoo ta’u, Laatiin Ameerikaa keessaa Booliviyaan tarkaanfii Israa’el fudhachaa jirtu balaaleffachuun hariiroo ishee waliin qabdu addaan kutuu gabaasni Aljazeeraa ni addeessa.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading