ONM-ABO Sadaasa 1, 2023
Hiraarfamni maqaa gooticha Waraana bilisummaa Oromoo sababa godhachuun PPn uummata Oromoo irratti raawwachaa jirtu daangaa darbuun, Oromiyaa cufa keessatti oduun hidhaa, ajjeechaa fi saamichaa guyyaa guyyaan dhaga’aamaa jira.
Onkoloolessa 30, 2023 godina Harargee Lixaa aanaa Goroo Guutuu keessatti maqaa isin deggertoota waraana bilisummaa Oromooti jedhuun dargaggootni mana hidhaatti guuramaa kan jiran yoo ta’u, Najaaf Umar, Amad Liiloo, Najaad Mohaammedii fi Caalaa Aliyyii isaan ammaaf maqaan nu ga’ee fi isaan malees namootni hedduun mana hidhaatti hiraarfamaa jiraachuun beekame.
Namootni qabamanii hidhaman kunneen mana hidhaa aanaa Goroo guutuu keessatti guyyoota muraasaaf hiraarfamaa erga turaniin booda Murtee seeraa tokko malee gara mana hidhaa Harargee Bahaatti dabarfamanii jiraachuu kan himan maddeen, sababa kanaanis dargaggootni aanichaa hedduun gara magaalota ollaa isaaniitti baqachaa kan jiran ta’uunis ifoomsan.


