ONM-ABO Sadaasa 1, 2023
Onkoloolessa 19, 2023 abbaa daa’ima tokko Halakee Birbirsa Tissee jedhamu godina Gujii Lixaa aanaa Dugdaa Daawaa ganda Dhuqqisa Magaadaa jedhamu keessatti waraanni faashistii PP rasaasaan rukuchuun yoo madeessan, namni kun hospitaala Bulee Horaatti yaalamaa turee waan dadhabameef gara Hospitaala Hawaasaatti yaala olaanaaf darbee ture.
Obbo Halakee Birbirsaa bakka fayyuu hin dandeenye rukutamuu irraan kan ka’e Hospitaala Hawaasaattis yaalamee fayyuu dadhabuun lubbuun isaa guyyaa kaleessaa Onkoloolessa 31, 2023 addunyaa kana irraa darbee jira.
Jiraataan aanaa Dugdaa Daawaa kun du’uun isaa ganda isaa Dhuqqisaa Magaadaatti waan dhaga’aameef hawaasni boo’ichaan namoota yaalchisaa turan simachuuf qophii irra kan turan yoo ta’u, namootni sunis guyyaa har’aa ganda isaanii akka ga’aan odeeffannee jirra.
Murni faashistii PP ol adeemaa karaatti hambisu, obbo Halakee irbaata rasaasaa gochuu irra darbee yaaliif maallaqa isaanii akka fixan taasisuun carraan daa’ima isaa rakkina akka ta’u taasisuun ni beekama.


