• Sat. Mar 14th, 2026

Kibba Lixa Shaggar aanaa Qarsaa Maallimaa keessatti hidhaan dargaggoota irratti jabaachuu maddeen himan

Nov 3, 2023

ONM-ABO Onkoloolessa 3, 2023

Erga koloneel Abiy Ahimed gara aangoo impaayerattiitti dhufee kaasee dargaggoonni Oromoo akka bineensaatti adamfamuun lafa socho’an cufatti ajjeechaa dabalatee hidhaan daangaa hin qabne irratti raawwatamaa jira.

Bifuma kanaanis dargaggootni maqaan isaanii Haayiluu Lammaa, Milkeessaa Gaarradoo, Gizaa Suufaanaa, Dammaqaa Tafarraa fi Daanyee Nagaasaa jedhaman balleessaa tokko malee kibba lixa Shaggar aanaa Qarsaa Maallimaa magaalaa Leemman keessatti baatii darbe irraa eegaluun murtii tokko malee hidhamanii hiraarfamaa jiru jedhu maddeen.

Dargaggoonni kunneen harki caalu barattoota yoo ta’aan, barumsa isaaniin cinatti hojii adda addaa irratti bobba’uun ofii fi maatii isaanii akka gargaraan himu.

Hidhaan magaalicha keessatti guyyaa irra gara guyyaatti raawwatamaa akka jiru maddeen himuun ilmi namaas akka bineensaa maqaa waraana bilisummaa Oromoon yakkamee adamfamuun hidhamaa jiras jedhan.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading