ONM-ABO Onkoloolessa 3, 2023
Kamisa kaleessaa Sadaasa 2, 2023 waaree booda US Ameerikaa magaalaa New York ganda Wappingers Falls, keessatti dhohiinsa boba’aa fi ibiddaa mudateen yoo xiqqaate namoonni 15 mada’aaniiru.
Isaan keessaa namootni shan kanneen jalqaba itti hirmaatan yoo ta’u, tokko nama ibidda dhaamsuu fi poolisoota afur ta’uu kan hime gabaasichi kanneen biroo 10 keessaa saddet ga’eessotaa fi lama ammoo daa’imman ta’uu Komishinarri Poolisii Wappingers Falls, Paul Italiano Kamisa galgala ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin himaniiru.
Namoonni miidhaman dhohiinsa booda caccabaa gamoo jigee jalatti kan qabaman yoo ta’u, hojjettoonni gargaarsaa achi jalaa isaan baasuun gara hospitaalaatti geessuuf hojjetaniiru.
Namoonni miidhaman hundi hanga Kamisa galgalaatti hospitaala keessa akka jiran Italianon himaniiru.Namoota dhuunfaa tokko tokko irras miidhaan cimaan kan irra gahe yoo ta’u, namoota kanneen irra caalaatti miidhaan gubaatii irra ga’uu poolisiin ibseera.
Dhohiinsi kun kan mudate erga sararri boba’aa qaama “suphaa idilee” turetti ciccitee booda ta’uu Eric Kiszkiel kan Wiirtuu boba’aa l Hudson fi & Elektirikii waliin hojjetaniiru.
Caasaan gaazii kun waggoota 80 hanga 90 ta’a jedhamee amanamuuf naannoo sana ture jedhan Kiszkiel dabaluun.
Gamoon jige kun gamoo maatii hedduu qabuu fi mana jireenyaa afur walitti aansuun kan qabu ta’uu itti gaafatamaan balaa ibiddaa Wappingers Falls Jason Enson himaniiru.
Wiirtuun boba’aa Hudson fi Elektirikii Fannoo Diimaa waliin ta’uun namoota sababa dhohiinsa kanaan miidhaman gargaaruuf hojjechaa jira.
“Kufaatii gamoo Dutchess County keessatti ibsi naaf kennameera, kan bulchaan Kathy Hochul hojjettoota tajaajila hatattamaa Mootummaa bobbaasuun gargaarsa barbaachisaa kennaa jiraachuu dubbachuu CNN gabaaseera.


