ONM-ABO Onkoloolessa 3, 2023
Bilxiginnaan namoota uummataaf qaroo ta’aanii fi jaallatamummaa qaban, sabboonummaa fi ilaalcha gaarii guddina biyyaaf akkasumas hojiilee boonsoo sabaaf hojjetan fi uummannis argaaf dhaggeettii isaa godhachuun of duratti abdatu hunda hidhee manneen hidhaa keessatti ibiddaan gubuun sammuu adoochuun qorqalbii miidhaa oola.
Haaluma kanaanis baatii darbe barataa mooraa Yuunivarsiitii Dambi Dolloo muummee barnoota siivil Injineerii Kan ta’e, dargaggoo Malkaamuu Kiisii jedhamu, barataa waggoota 5f hojii koree naamusa barattootaa mooraa Yuunivarsiiti Dambi Dolloo ta’ee hanga gaafa guyyaa hidhameetti tajaajilaa ture, yakka tokko malee mooraa barnootaa keessaa hidhattootni Kolonel Abiy Ahimed qabuun akka hidhan maddeen Yuunivarsiiticha ONMti himan.
Injiiner Malkaamuu kiisii erga humnoota waraana PPn to’atameen booda guyyoota 10 oliif waajjira Poolisii bulchiinsa magaalaa Dambi Dolloo keessatti hidhamee turuu fi reebichi cimaan irra akka ga’aa ture maddeen kan himan yoo ta’u, Mana hidhaa magaalaa Dambi Dolloo keessaas baafamee eessa akka geeffame hin beekamiin jiraachuus dubbatan.
Dargaggoo maatiin abdii guddaa irraa qaban kana maqaa dharaatiin yakkuun kaadirootni PP kan dhabamsiisan ta’uu fi yeroo ammaa haalli inni keessa jirus baay’ee yaaddessaa ta’uu barattootni mooraa Yuunivarsiitii Dambi Dolloo dubbatu.






