• Sun. Mar 15th, 2026

Lixa Shaggar aanaa Cobii keessatti namni nagaan tokko hidhattoota garee maafi’aa PPn ajjeefame

Nov 6, 2023

ONM-ABO Sadaasa 6, 2023

Ajjeechaan ilmaan Oromoo  irratti raawwatamaa jiru waraana garee Abiy Ahimed biratti akka aadaatti ilaalamuun lubbuu ilmaan namaan tirga siyaasaa taphachaa Kan jiran yoo ta’u, ilmi namaas murtii seeraa malee ajjeefamuun Oromiyaa keessatti lubbuun jiraachuun yaaddoo ta’ee jira.

Hidhattootni kunneen akka waan namoota nagaa ajjeesuun siyaasa biyyattii keessatti adeemaa jiruuf furmaata ta’uutti fudhachuun ajjeechaa daangaa hin qabne kan raawwachaa jiran yoo ta’u, lixa Shaggar aanaa Cobii ganda Haroo Qaqallii jedhamu keessatti nama maqaan isaa Geetaachoo Damisee jedhamu kaleessa jechuun Sadaasa 5, 2023 ganama ija maatii isaa duratti ajjeesuu jiraattotni dubbatan.

Namni ajjeefame kun hojii qonnaa irratti bobba’uun nama ofii fi maatii isaa gargaaruu yoo ta’u, ajjeechaan irratti raawwatame kunis kan Oromummaa isaa qofaaf irratti xiyyeeffatame malee nama siyaasa keessaa harka hin qabne ta’uus jiraattotni dabaluun ibsaniiru.

Gandichuma keessatti ajjeechaa nama nagaa irratti raawwatame kanaan wal qabatee hawaasni gungummii kaasanis reebichaa fi doorsisni irratti raawwatamuus jiraattotni gandichaa ONMtti himan.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading