ONM-ABO Sadaasa 6, 2023
Bu’aa siyaasaaf jecha murni bilxiginnaa uummata nagaa gidduutti waldhabdee uumuun Horroo Guduruu Wallaggaa fi Wallagga Bahaa keessatti olola akka waan uummanni Oromoo uummata Amaaraa loluuf karoora qabuutti oofaniin maqaa uummata Amaaraa eeguu jedhun Saba naannichaa kan hidhachiisan yoo ta’u, sababa kana irraa ka’uun waggoottan lamaan darbanii kaasee lubbuun namoota kuma hedduutti lakkaa’amu yoo darbu, qabeenyi hawaasaa saamames miliyoona hedduutti tilmaamama.
Kanuma irraa ka’uun humnootni badii Finxaaleyyii Amaaraa kunneen torban kana irraa kaasuun Wallaggaa Bahaa aanaa Kiiramuu magaalaa Haroo fi ganda Waddeessa Diimaa bakka addaa Bonaa jedhamutti leenjii loltummaa waliif kennaa jiraachuu jiraattotni bakkichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka jiraataa bakkichaa Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise tokko jedhutti qaamni mootummaa ofiin jedhu iddoo sanatti leenjii akka waliif kennaa jiran quba qabu, garuu dhorkuus ta’e tarkaanfiin isaan irratti fudhachaa jiranis hin jiru jedhe.
Uummatni irra deddeebiin qaamota biyya bulchina ofiin jedhaniif aanaa jalqabee hanga gandaatti heeruu kennanis callisanii ilaaluu malee waanti isaan godha akka hin jirre hima.
Dabaluunis ilaalchi humna uummata Oromoo irratti leenji’aa jiran kana callisanii ilaaluu kun uummatichi akka dhumuuf malee, qaamni biyyaafan dhaabbadha jedhu hidhatee aanicha jiru hedduu waan ta’aaniif dhorkuus ni danda’u turan, kun ammoo akka waan eeyyama isaan irraa fudhataniitti ilaalamas jedhe.
Humni leeji’aa jiru kun gaafa leenjii xumuree ba’e uummata aanaa Kiiramuu duwwaaf osoo hin taane akkuma Oromiyaa guutuuttuu yaaddessaa ta’uu dubbachuun, egereen uummata aanaa Kiiramuus akka yaaddoo keessa galche dabaluun addeessa.