ONM-ABO Sadaasa 7, 2023
Hidhamtootni hedduun maqaa waraana bilisummaa Oromoo tumsitu, isin seelii waraana bilisummaa Oromootii fi caasaa isaanii babaldhisuuf bakka kana dhuftan jedhamuun godina Gujii bahaa aanaa Shaakkisoo waajjira poolisii magaalaa Shaakkisootti dararaa ulfaataa argaa jiraachuu maddeen gabaasan.
Bifuma kanaan baatiilee dheeraaf dargaggoota hidhamuun rakkoo ulfaataa argaa jiran Keessaa muraasni maqaa isaanii arganne: Dagguu Tarrafaa dhalataa godina baha Shaggar magaalaa maqii ,Gammachuu godina Arsii magaalaa Bulbulaa, Dabalaa godinaa Gujii lixaa aanaa Bulee Horaa, Girmaa phaawuloos godina Gujii bahaa aanaa shaakkisoo Ganda dodolaa, Hundee Baqqalaa godina Iluu abba Booraa aanaa Aallee fi Hayilee Kan jedhamu dhalataa godina Gujii bahaa anaa shaakkisoo ganda magadoo kanneen jedhaman dabalatee dargaggoonni baay’inni isaanii 82 ol ta’an maqaa waraana bilisummaa Oromoo waliin hojjettuun hidhamanii dararaa ulfaataa argaa jiru.
Rakkoo daran ulfaataa ta’e Kan argaa jiran hidhamtoonni kunneen haalli fayyummaa isaanii sababoota hanqina nyaataa, haala qilleensaa fi hidhamtoonni baay’inni isaanii 65 ol ta’an kutaa baay’ee dhiphoo ta’e Keessatti hidhamuu irraan Kan ka’e dhukkuboota hedduuf saaxilamaa jiraachuu maddeen dubbatu.
Waajjira poolisii magaalaa Shaakkisoo Keessatti haalli fayyadama nyaataa maallaqa of harkaa yoo qabaatan qofa yoo ta’u, guyyaatti namni tokko maallaqa 250 ol Kan baasuu fi namni mana hidhaa Sana Keessatti aragaman turtiin isaan mooraa Sana Keessatti dabarsaa jiran hunduu yoo xiqqatee ji’a 5-hanga waggaa tokko olii akka ta’e dabaluun maddeen ibsu.





