SQ-Sadaasa 09, 2023
Maddeen Sagalee Qeerroo akka jedhanitti, Baha Shaggar Ona Boosat Ganda Garriitti (bakka yeroo darbe Aadde Kuulii Hawaas dabalatee namoonni 4 ajjeefamanitti) humni Waraanaa Bilxiginnaa halka sadaasa 8/2023 Dargaggoota ol adeemtoota tahan badii tokko malee maqaa shanee jedhu itti moggaasuun erga qabanii hidhanii booda dararaaf reebicha hamaa erga irratti raawwatanii kaambii Chaayinaa bakka Sogiddootti argamutti dararaa turanii baasani dargaggoota 4 ajjeesanii jiru.
Maqaan Dargaggoota ajjeefamanii:
1.Tamasguu Illiku Dassitaa
2.Xaasoo Daadhii Dachaasaa
3.Abbaatu Baqqalaa Boruu fi kan 4ffaa eenyummaan isaa hin beekamne.
