ONM-ABO Sadaasa 10, 2023
Gareen Riphee Lolaa Kolombiyaa Waraana Bilisummaa Biyyoolessa ELN’n beekamu Kamisa kaleessaa abbaa taphataa kubbaa miillaa Liivarpuul Luwiis Diyaaziin erga butamanii guyyaa 12ffaa booda bilisa baasuun magaalaa dhaloota isaa keessatti namootni gammachuun dhiichisaa turuun gabaafame.
Finciltoonni kunniin guyyoota hedduudhaaf wal harkaa fuudhinsa kanaaf marii erga godhanii booda, Luwiis Maanu’eel Diyaaziin hojjettoota gargaarsa namoomaaf bakka hin ibsamne kan daangaa Veenzuweelaa waliin Colombian daangessitu gaara Serrania del Perija jedhamutti dhiyeessaniif.
Sana booda jaarsichi jechuun Diyaaz, namni umrii 56 fi kunuunsitoonni isaa helikooptaraan gara magaalaa Valledupar, kan magaalaa dhaloota isaa Barrancas kutaa kaaba La Guajira irraa gara kiiloo meetira 90 fagaattee argamtutti imalan. Kun bakka Onkoloolessa 28 Diyaaz itti butameedha.
Namni ganna 56 Diyaaz Helikooptara keessaa erga bahee suuta jedhee deemuun rippoortaroota fageenya irraa eegamaa turanitti harka isaa raasaa ture.
Akka miseensa garee isa simate keessaa tokko kan ta’e Monsignor Francisco Ceballos jedhutti, Diyaaz “yeroo isaan butaniin deemsa guyyoota afur miillaan deemuun immoo dabarsanii kennnuuf guyyoota lama miillaan deemuu dubbateera.
Yeroo gadhiifamu ”xiqqoo laamsha’e, dadhabe, okkolaa ture,” jedha Seebalos.
Oduun gadhiifamuu isaa yeroo dhaga’amu firoonni taphataa kubbaa miillaa kanaa fi abbaan isaa bakka taateewwan kana hordofuuf walitti qabamanitti Baaraankaatti imimmaan isaanii dhangalaasaa wal hammatan.
Diyaaz sa’a muraasa booda ollaa mana isaa kan eegumsa poolisii jala tureen alatti shubbisaa fi muuziqaan ayyaaneffachaa osoo jiranii bira ga’e.
Diyaaz ergaa Raadiyoo Bluu irratti tamsaaseen “namoota hunda deggarsa guddaa maatii isaaf godhaniif galateeffateera. Baay’een isaan jaalladha, yeroo dhiyootti nagaa isaan gaafachuu fi hammachuuf carraa argadha” jechuun dubbate.
Viidiyoo biraa irrattis Diyaaz miila mirgaa baandeejiin hidhamee siree irra taa’ee kan mul’atu yoo ta’u, waraana maatiin isaa “dafee” gadhiifamuu isaaniif galateera.
Obboleettiin isaa Araseeliyis Diyaaz gaazexeessitootatti akka himtetti maatiin ishee ”gammachuu” qabaachuu himuun, haala obboleessa ishee irratti hamma tokko yaaddoo qaban ibsuu miidiyaaleen AFP, The Telegraph, Sky Sport faa gabaasaniiru.
Kolombiyaa keessatti gareen Riphee Lolaa ELN fi mootummaa gidduutti dhukasasni ja’aaf hanga baatii Guraandhala 2024tti turu taasifamuuu fi pirezidaantii Colombia Gustaavoo Peetiroo dhukaasa dhaabuu dhaabbataatti akka ce’aniif hojjechaa jiraachuu Aljazeeraan jalqaba baatii Hagayyaa keessaa gabaasee turus, gochi amma maatii taphataa sarara fuuldura Liverpuul irratti raawwate nagaa buusuuf danqaa uumuu danda’a jechuun xinxaltootni dubbatanis waliigaltee ittiin gadhiisan irratti waanti jedhame hin jiru.





