ONM-ABO Sadaasa 11, 2023
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii waraana faashistii PP irratti fudhachuu itti fufuun diina du’aa fi madoon adabeera.
Haaluma kanaan har’a Sadaasa 11, 2023 ganama sa’a 12:00tti godina Wallaggaa lixaa aanaa Boojjii Coqorsaa ganda Sibuu Eebichaa bakka addaa Tabba Teelee jedhamutti tarkaanfii jabaa fudhateen waraanaa faashistii irraa 29 ajjeesuun 14 yoo madeessu 3F lama gubee barbadeessee jira.
Gama meeshaatiinis boombii harkaa 7, AKM dachaatu 6, Turik 3, Sharifoo1, rasaasa 960, gumbii 32, hidhannoo 8 fi qophii waraanaa dugda diinaa irraa hiikuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof oolchee jira.
Tarkaanfii WBOn fudhatu amma gaaffiin bu’uura uummata Oromoo deebi’utti itti fufa!
Injifannoon Uummata Oromoof!