• Thu. Nov 26th, 2026

Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu fi Qondaalaa Keessaa namootni nagaan waraana PPn qabamuun achi-buutee isaanii maatiin wallaaluun dhaga’aame 

Nov 11, 2023

ONM-ABO Sadaas 11, 2023

Jireenyi ilma namaa Oromiyaa keessatti hanga bineensota bosonaa hanqachuun, namoonni nagaan maatii keessa jiraatan Keessaa hojiilee adda addaaf Kan imalanii fi gariin namootaa ammoo qe’ee isaanii Keessaa waraana maafi’aa PPn qabamuun,yakka tokko malee qe’eetti osoo hin galin hafuun isaanii nama yaaddessa Kan jedhan maddeen,yeroo ammaas gochi Kun jabaatee jiraachuu himu.

Bifuma kanaan gochoonni ammeenyaa dargaggoota Oromoo dhabamsiisuu waraana gabroomsaa PPn qindaa’ee jiru kun, godina lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu ganda Caalaa Daabbuus jedhamu Keessaa dargaggoo maqaan isaa Barii Malkaa Qajeelaa jedhamu Kan hojiin isaa Doqdoqqee oofuun of jiraachisu qabamee maatitti hin galin jiru hogguu ta’u, dabalataanis lixuma Wallaggaa aanaa Qondaalaa keessattis namoota maqaan isaanii Jamaal Aliyyi, Mohammed Abdulmaalik abbaa afooshaa Kan ta’ee fi Solomoon Kan jedhamu waraana faashistii PPn butamuun bakki isaanii hin baramin jira.

Aanota godina lixa Wallaggaa hedduu Keessatti gochoonni namoonni nagaan waraana PPn qabaman hin deebii’in hafan kunneen hedduu Kan nama yaaddessu yoo ta’u, bal’inaanis kutaalee hedduu Keessatti geggeefamaa akka jiru Kan himan jiraattonni, namoonni butamuun dhabaman kunneen haalli fayyummaa isaanii Kan ifa hin taane yoo ta’u du’aaf jireenya isaanii wallaaluun maatiin qorqalbiin miidhamaa akka jiran maddeen keenya Arraata Biyyooleessa oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply