ONM-ABO Sadaasa 11, 2023
Tarsimoon yeroo mara karaa kaabinootaa uummanni Oromoo akka baduuf ba’uu caasaa isaanii gubbaa jiru irraa ka’ee Kan babaldhatu hogguu ta’u, lubbuu ilmaan Oromoo golee Oromiyaa Keessatti dhumaa jiraniif sababoonni angafaa kaadiroota PP akka ta’e eenyu jalaa kan dhokate miti.
Haaluma kanaanis akka guutuu Oromiyaatti Kaabinoonni paartii badhaadhinaa naannoo Oromiyaa irraa gara naannoo giddu gala Kibba Itoophiyaa godina Hadiyyaa magaalaa Hoosa’inaa Yuunivarsiitii Wachaamoo Keessatti Sadaasa 9, 2023 irraa eegalanii wal mariirraa akka jiran maddeen keenya Arraata Biyyooleessa oromiyaaf gabaasaniiru.
Akka keessa beektonni Kun dubbatanitti kaayyoon wal-gayii kanaa inni guddaan rakkoolee gama Oromiyaa keessatti babaldhatee jiruuf furmaata kaa’uu Kan jedhuun yoo jalqaban,ilmaan Oromoo warreen deggertoota WBO ta’aan irratti gara laafina tokko malee ajjeesuu, qaamaatii hir’isuu fi jireenya isaanii guutuu manneen hidhaa gochuun namoota kaan akka jiilan gochuu Kan jedhu irratti marii geggeessaa jiraachuun baramera.



