ONM-ABO Sadaasa 11, 2023
Ilaacha Oromoo hiyyummaa fi gadadootti hambisuu qabatanii socho’aa kan jiran hidhattootni ajaja Abiy Ahimediin uummata nagaa nageenya isaa booreessuu fi rakinaaf saaxiluuf baayinaan Oromiyaa keessatti bobbaafaman lafa socho’an cufatti namoota nagaa maqaa ilaalcha waraana bilisummaa Oromoo qabdaatin ajjeechaa, hidhaa fi saamicha raawwachuun uummata gidirsaa jiru.
Haaluma kanaan Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo ganda Waabaa Eebbaa Iddoo addaa Boogaa fi Xaanaa jedhamu namoota shan gaafa Sadaasa 8, 2023 qabanii yoo hidhan qabeenyaa isaaniis saamanii jiru.
Namoonni hidhaman kunneenis Jabeessaa Dafaa, Dabalaa Geetaachoo, Dirribaa Geetaachoo, Dammee Alamuu fi Tamasgeen Xahaa jedhaman reebicha ulfaataa erga irratti raawwataniin booda akka hidhantuu himama.
Namoota kana jalaayis Re’oota kudha 15 fudhachuun deeman jechuun jiraattotni yoo dubbatan, ilaachi hidhattota kanaas saamichaaf kan ijaaramaniidhas jechuun miira aarii fi gaddaan dubbatu.
