• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Arsii bahaa Aanaa Doddotaa keessatti hidhaan jiraattota irratti jabaachuun dhagaa’ame

Nov 15, 2023

ONM-ABO Sadaasa 15, 2023

Tibba gamtokkoon murni maafi’aa PP marii araaraa qondaaltota Waraana bilisummaa Oromoo waliin geggeessaa jirutti, duuba deebi’uun hawaasa nagaa Oromiyaa keessatti argaman gariin hidhuu, saamuu fi ajjeesuun qe’ee Oromoo araara da’oo godhachuun kan duraa caalaa barbadeessaa jiru.

Haaluma kanaanis jiraattota godina Arsii bahaa aanaa Doddotaa ganda Qorroo Dagaagaa jedhamu keessatti Sadaasa 12, 2023 namootni nagaan 4 yakka tokko malee halkan waraana gooleessaa PP’n qabamanii akka hidhamantu himama.

Jiraattonni  maqaa sobaa jibba Oromummaaf qabaniif jecha deggertoota WBOti jedhamanii sirna bilxiginnaa biratti yakkamuun hidhamanii dararamaa jiran kunneen maqaan isaanii Hiisaa Baalee, Xaahaa Baalee, Jirbii Hayimad fi Xaahaa Irboo ta’uu maddeen gabaasan.

Leave a Reply