• Wed. Nov 25th, 2026

Israa’el ‘kuusaa meeshaa waraanaa’ Hamaas jedhame hospitaala daa’immanii Gaazaa jalatti yoo agarsiistu, qondaaltonni fayyaa naannoo ammoo himannaa kana kuffisuu CNN gabaase

Nov 15, 2023

ONM-ABO Sadaasa 15, 2023

Akka CNN kaleessa gabaasetti waraanni Israa’el xiyyeeffannaa hospitaalota Gaazaa irratti taasisu daran cimuun, dubbi himaan tokko miidiyaalee oduu Wiixata kaleessaa wiirtuu yaalaa daa’immanii akka daawwatan affeeruun, kutaaleen mana gadi aanaa sanaa “wiirtuu ajajaa fi to’annoo” Hamas ta’uu fi tarii booji’amtoota tursuuf itti fayyadamuu danda’u jedhan.

Gareen CNN Raayyaa Ittisa Israa’el (IDF) waliin kan ukkaamfame yoo ta’u,  kaleessa kutaa tokko kan hospitaala daa’immanii Al-Rantisi jala jiru keessatti qawwee fi dhuka’aa agarsiise. Dubbi himaan IDF Rear Admiral Daniel Hagari “kuusaa meeshaa waraanaa” jechuun waamuun isaa ni yaadatama.

Akkasumas teessoo funyoo cinaa jiruu fi uffata dubartootaa, kan DNA’n qoratama jedhee fi mana fincaanii yeroo ta’us akeekeera.

Hamaas qabsaa’onni isaa hospitaalota jala dhokachuu isaanii irra deddeebiin haaleera. Akkasumas qondaaltonni fayyaa Gaazaa fi daayreektarootni  hospitaalotaas haalaa turan.

Hospitaalota Gaazaa hundaaf itti gaafatamummaa kan qaban Mohaammad Zarqout Kibxata kaleessaa bilbilaan CNN waliin kan dubbatan yoo ta’u, manni gadi aanaan Al Rantisi keessatti argamu akka gaaddisa dubartootaa fi daa’immaniif itti fayyadamaa tureera jedhan.

Bakki kun meeshaa waraanaa Hamaas kuusuu fi namoota booji’amtoota qabachuuf osoo hin taane mana qorichaa fi waajjiraalee bulchiinsa hospitaalichaa tokko tokko ta’uun bishaan roobaa dura tajaajila kennaa turuu himaniiru.

Zarqout dabaluun CNN’tti akka himanitti, hojjettoonni fayyaa loltoota Israa’eliin hospitaala keessaa dirqisiifamanii akka ba’an himuun,yeroo deemanittis dhukkubsattoota hunda  fudhanii deemuu hin  dandeenye.

Ibsa Dilbata darbe kenneen IDF hospitaalota sadii: hospitaalota Al-Shifaa, Al-Rantisii fi Nasser keessaa miilaan fi ambulaansiidhaan akka ba’an dandeessisuu himan.

Loltoonni Israa’el daawwannaa CNN dura sa’a muraasa qofa dura Al-Rantisii keessatti sakatta’iinsa gaggeessaa turan jedhan Hagariin.

Itti dabaluudhaanis gareen qorannaa yeroo dhiyootti meeshaalee kutaalee mana gadi aanaa keessatti hafan qorachuun Hamaas Onkoloolessa 7 Israa’el keessatti jeequmsa raawwateen booji’amtoota 200 ol fudhate waliin walitti dhufeenya qabaachuu danda’an mirkaneessuu akka danda’u dubbachuu CNN gabaasee jira.

Leave a Reply