ONM-ABO Sadaasa 15, 2023
Gootichi waraana bilisummaa Oromoo Oromiyaa golee cufa keessatti tarkaanfii diina irratti fudhatu jabeessee itti fufuun Kibba lixa Shaggar aanaa Tolee keessattis injifannoo boonsaa diina irratti fudhateera.
Haaluma kanaan lola gaafa Sadaasa 13, 2023 aanaa Tolee ganda Gaala Molichaa iddoo addaa Molichaa jedhamutti gootichi abdii sabaa haxxee hidhuun lola taasiseen loltoota diinaa saddeet (8) battalumatti irraa ajjeesuun 32 madoo dandammii hin qabneen yoo adabu madoo salphaan ammoo 6 irratti fudhachuu ibse.
Lola kanaanis meeshaalee waraanaa hedduu irraa hiikun mooraa qabsoo bilisummaaf galii yoo godhu, konkolaataa diinaas sinootiraakii 2 gubanii barbaadeessuunis beekame.
Lolli iree ofiin murteeffannaa uummata Oromoof taasifamu cimee itti fufa.
Injifannoon uummata Oromoo!
