ONM-ABO Sadaasa 15,2023
Sadaasa 14, 2023 akka jiraataa bakkichaa tokko Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise jedhetti jalqaba uummata Qabeenaa godinicha keessa jiraniin kan walitti bu’an yoo ta’u booda boodarra ammoo gara uummata Oromootti akka ce’an hima.
Sababni ka’umsa lola kanaas uummanni Oromoo bakkicha keessa jiraatu afaan Oromoon akka hin baranne jechuun kan himu jiraataan kun yeroo hedduu irra deddeebiin lolli dhimma afaanii kanaan walqabatee akka geggeefamaa turellee dubbata.
Uummanni Oromoo godinicha keessaa gandoota saddeet keessa kan jiraatu yoo ta’u gandoota kana hundumaa keessatti saamichaa fi reebicha irratti raawwachuun ugguranii jiraachuu himan.
Akksuma gatii taarifaa dabaluun gatiin geejjibaa dhibba afur yoo ta’e 1500 hanga 1800 irraa guuraa jiru jechuun namni kaffaluu yoo dides reebichaa fi saamichatu irratti geggeefamaa jiras jedhe.
Akkasumas, dargaggoonni isaanii daandii guddicha Jimma geessu irratti ba’anii saamicha kana geggeessaa jirus jedhe.
Yeroo ammaas uummanni Oromoo godinicha keessatti argaman lubbuu isaanii oolfachuuf jecha bakkichaa akka baqatanii ba’anis hima.
Walitti bu’iinsa uummataa kanaaf angaa’onni mootummaa Birhaanuu Naggaa dabalatee akka harka keessaa qaban himuun bu’aa siyaasaaf jecha uummata waggoota dheeraaf wal kabajanii waliin jiraachaa turan walitti buusuuf hojjachaa jirus jechuun uummanni Oromoo achitti argamanis rakkoo hamtuu keessa akka jiran kaasuun, hanga yoonaatti qaamni birmateefis akka hin jirre himu.




