• Mon. Jan 12th, 2026

Godina kaaba Shaggar aanota akka Darraa, Warra Jaarsoo, Hidhabuu Abootee fi aanota hedduu keessatti dhukaasa waraanni PP meeshaalee gurguddaa fayyadamuun uummatatti banee jiruun qabeenyi barbadaa’uu fi loon dhumaa jiraachuun beekame

Nov 15, 2023

ONM_ABO Sadaasa 14, 2023

Uummanni godina kaaba Shaggar akkuma hawaasa Oromoo kutaalee Oromiyaa biroo keessatti argamanii hojii qonnaa irratti hirkachuun kan of jiraachisu yoo ta’u, gochi gara jabeenyaa yeroo ammaa Karaa murna bilxiginnaan irratti adeemsifamaa jiru egeree sabichaaf yaaddeessaa ta’ee kan mul’atuudha.

Haaluma kanaanis jiraattota godina kaaba Shaggar aanota kanneen akka Darraa, Warra Jaarsoo, Hidhabuu Abootee fi aanota hafan biroo keessatti Waraanni goolessaan PP maqaa sakattaa WBO jedhuun sochii gandoota baadiyyaatti gochaa jiraniin baatiilee lamaan darban irraa eegalee dhukaasa meeshaalee gurguddaa Zu-23 Moortera, Baazuqaa fi meeshaalee biroo qe’ee hawaasaa irratti darbachaa jiraniin lubbuun namootaa fi horii dabalatee qabeenyi hedduun barbadaa’aa jiraachuu jiraattonni dubbatu.

Yeroo ammaa kanatti haalli ta’aa jiru nu yaadessaa jira kan jedhan hawaasni godina kaaba Shaggar, waqtii silaa itti midhaan ooyiruu irraa galfannutti rakkoolee Waraanni kunneen raawwataa jiraniin midhaan keenya gubataa jira, manni keessa jiraannus nu jalaa manca’aa waan jiruuf uummanni Oromoo keessaaf alaa nuuf birmadhaa jechuun yaada isaanii Arraata Biyyooleessa oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading