• Sat. Mar 14th, 2026

Lixa Shaggar aanaa Ejeree, Ejersaa Lafoo fi Kibba lixa Shaggar aanaa Tolee keessatti dargaggoonni hedduun hidhamanii dararamaa jiraachuu Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa odeeffate

Nov 15, 2023

ONM-ABO Sadaasa 15, 2023

Oromiyaa keessatti namuu nagaan ba’ee nagaan galuun kan ulfaatee jiru yoo ta’u, hidhattootni maqaa nageenya uummataa eeguu jedhuun hawaasatti bobbaafaman namuu akka nagaan Amantii isaa hin geggeeffanne dhorkuun mana amantaa gubuu dabalatee saamicha irratti kan raawwachaa jiraniidha.

Haaluma kanaan Kibba lixa Shaggar aanaa Tolee magaalaa Baantuu keessatti namoota Amantii Waaqeeffannaa waaqeffachaa jiran humnootni waraana bilxiginnaa itti seenuun hedduu isaanii irratti reebicha ulfaataa raawwachuun namoota ja’a ammoo qabanii hidhuu maddeen ibsan.

Namoonni Amantii Waaqeeffannaa Aanaa tolee magaalaa Baantuu mana Amantaa Lalisee ganda Migirriddi Wasarbii keessaa hidhattoota sirnichaan hidhaman kunneen Abdannaa Caalaa, Fayyoo Alamuu, Sanyii Gabbisaa, Obsaaa Nagaasaa, Olbaataa Garramaa fi Haacaaluu Urrumaa jedhaman badii tokko malee akka hidhamanii dararamaa jiran dubbatu.

Oduuma hidhaan walqabatuun lixa Shaggar aanaa Ejersa Lafoo ganda Gooroo Kurkurfaa jedhamu keessaa namoonni maqaan isaanii Margaa Tarreessaa fi Taammee Dinqeessaa kanneen jedhaman sababa tokko malee maqaa waraana bilisummmaa Oromoo deggartuun baatii 3 oliif akka hidhamanii dararamaa jiran maddeen himan.

Itti dabaluunis lixuma Shaggar aanaa Ejeree keessaa dargaggoo Abbaraa Dinqaa bakki dhaloota isaa ganda Tuqaa  yoo ta’u torbaanoota darbaniif maqaa waraana bilisummmaa Oromoon yakkuun hanga ammaatti mana hidhaa magaalaa Ejeree keessatti akka hidhamee dararamaa jirus Maddeen dabaluun dubbatu.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading