ONM-ABO Sadaasa 16, 2023
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana faashistii maqaa araaraa dawoo godhachuun bobba’an irratti fudhachuun du’aa fi madoon adabaa, magaalaa fi mooraa irraa dhuunfachaa jira.
Haaluma kanaan lola har’a ganama Sadaasa 16 jajjabeen WBO Birgeediin Eebbisaa Addunyaa tarkaanfii laalessaa lixa Oromiyaa godina Bunnoo Beddellee aanaa Makkoo keessatti fudhateen waraana faashistii Abiy Ahimed magaalaa Makkoo keessa maadheffatanii jiran buqqisuun du’aa fi madoon adabeenii jira.
Kana malees meeshalee waraana hedduu irraa hiikuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof oolchee jira.
Abdii fi gaaddisni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa kaleessa aanaa Ayiraa ganda Kuree jedhamtu keessatti tarkaanfii fudhateen du’aa fi madoon yoo adabu aanaa Boojjii Coqorsaa keessattis humna aanaa Najjoo irraa baate adabee jira.
Guutuu gabaasa kanaan walitti deebina.
Injifannoon Uummata Oromoof!
