ONM-ABO Sadaasa 17, 2023
Waraanni PP sochii WBO sakatta’uuf taasisaa jiran golgaa taasifachuun tarkaanfii uummata nagaa irratti fudhachaa jiran kan hammeessan yoo ta’u, golee Oromiyaa mara keessatti namoota nagaa yakkaa fi balleessaa tokko malee rasaasaan waadanii qe’ee isaanii gubbaatti ajjeesaa jiru.
Oduudhuma ajjeechaatiin, kaleessa Sadaasa 16, 2023 Waraanni raayyaa ittisa impaayerattii maqaa gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo sakattaana jedhuun godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Qarsaa Maallimaa Leemman irraa gara ganda Dambii Roggee jedhamtuutti bobbaate Abbaa Maatii nama maqaan isaa Abbittii Nagaash jedhamu balleessaa tokko malee qe’ee isaa keessatti rasaasaan rukutanii ajjeesuu maddeen dubbatan.
Oduu hidhaan walqabatuunis, Godina Kibba Lixa Shaggar keessatti hidhaan jiraattota irratti gaggeeffamaa jiru haalaan hammaataa ta’uu kan himan maddeen, dhalataa aanaa Daawoo ganda Qancaraa Aliitoo kan ta’e barataa kutaa 12ffaa maqaan isaa Abarraa Gonfaa jedhamu dheengadda Sadaasa 15, 2023 magaalaa Guusaa jedhamtu keessaa hidhattootni bilxiginnaa qabanii hidhuun dararaa jiraachuu gaabasan.

