• Wed. Nov 25th, 2026

Paakistaan fi IMF paakeejii gargaarsa doolaara biiliyoona 3 irraa doolaara miiliyoona 700 gadhiisuuf waliigaltee irra ga’uu Aljazeeraan gabaase

Nov 17, 2023

ONM-ABO Sadaasa 17, 2023

Paakistaan fi Dhaabbanni Maallaqaa Idil-Addunyaa (IMF) torban lamaaf liqeessaa addunyaa waliin erga mari’ataniin booda, paakeejii gargaarsa doolaara biiliyoona 3 irraa doolaara miiliyoona 700 Paakistaniif gadhiisuuf waliigaltee duraa irra ga’uu Aljazeeraan gabaasa isaa kaleessaan ibse.

IMF Roobii dheengaddaa gamaaggama jalqabaa gargaarsa doolaara biiliyoona 3  mootummaa Imaanaa Paakistaan waliin waliigaltee sadarkaa hojjettootaan irra ga’uu isaa ibseera.

Boordii hojii raawwachiiftuu IMF irraa erga mirkanaa’ee booda, naannoo doolaara miiliyoona 700 kan argamu yoo ta’u, kunis baasii waliigalaa saganticha jalatti gara doolaara biiliyoona 1.9tti kan dhiyaatu ta’a,” jechuun Paakistanitti hoogganaan ergama IMF Naataan Poortar ibsa kennaniin dubbataniiru.

Fandiin doolaara miiliyoona 700 kun  gargaarsa IMF bara kanaa ji’a Waxabajjii keessa Paakistaan waliin mallatteesse keessaa isa lammaffaadha. Ji’a itti aanutti biyyi maallaqaan rakkatte – gargaarsa – kutaa jalqabaa doolaara biiliyoona 1.2 kan argatte yoo ta’u, baajata ishee fooyyessuu fi deggarsa humna ibsaa fi boba’aa dhaabuu dabalatee tarkaanfiiwwan walduraa duubaan akka fudhatu IMFn gaafate.

IMF haala diinagdee Paakistaan torban lamaaf gamaaggamee Roobii  darbe xumuree booda, ibsa isaa keessatti, “Deggarsa michoota idil-addunyaa fi mallattoolee amantaa fooyya’aa ta’een kan jajjabeeffame, fooyya’inni  haaraan itti fufee jira” jedheera.

Ibsichi itti dabaluudhaan akka jedhetti, qaala’iinsi jireenyaa – kan baatii Caamsaa keessa dhibbeentaa 38 rukute, kunis waggoota kurnan afur keessatti isa olaanaa yoo ta’u, yeroo ammaa gara dhibbeentaa 30tti gadi bu’uu himuun “ji’oota dhufan keessatti hanqina dhiyeessii gadi bu’aa dhufee fi fedhiin xiqqaa ta’e gidduutti ni hir’ata jedhamee eegama”.

Garuu liqeessaan addunyaa kun diinagdeen biyyattii ammallee bosona keessaa akka hin baane akeekkachiiseera.

“Paakistaan ammallee balaawwan alaa gurguddoof saaxilamtuu dha, kunis waldhabdeen ji’oopoolitikaa cimuu, gatiin meeshaalee deebi’ee ka’uu fi haalli faayinaansii addunyaa daran cimuu dabalata. Tattaaffiin dandamannaa ijaaruuf taasifamu itti fufuu qaba,” jedheera.

Paakistaan lammiilee miiliyoona 241 ta’aan kan qabdu gara waggoota lamaaf tasgabbii dhabuun maallaqaa fi siyaasaa mudachaa tureen. Kuufamni baankii giddugaleessaa biyya alaa gara doolaara biiliyoona 4 gadi ta’uun, maallaqa ji’a tokko gadii galchuuf gahaa ta’e qofatu hafe. Bara baajataa kanatti liqaa alaa doolaara biiliyoona 20 oltu irra jiraachuu gabaasni kun ni ibsa.

Gama biraatiin ammoo maallaqni Paakistan Ruupiin waggaa tokko keessatti doolaaraan wal bira qabamee yoo ilaalamu gatii isaa dhibbeentaa 50 ol dhabee jiraachuu Aljazeeraan kaleessa balballoomsee jira.

Leave a Reply