• Sat. Mar 14th, 2026

Lixa Shaggar aanaa Dandii keessatti hidhattootni garee maafi’aa PP manneen qonnaan bultootaa gubuun barbaadeessan

Nov 19, 2023

ONM ABO Sadaasa 18, 2023

Uummanni Oromoo bara mootummaa abbaa irree Abiy Ahimed keessa gochaa isaa malee maqaa hidhata waraana bilisummaa Oromoo qabduun ija shakkii qofaan ilaalamuun Oromiyaa golee cufa keessatti ajjeechaa seer malee dabalatee qabeenyi isaa saamamuun garii ammoo gubanii barbaadeessuun egeree uummatichaa yaaddoo keessa galchanii jiru.

Haa ta’u jedhamee itti yaadamuun  akka waan waraanni bilisummaa Oromoo manneen namoota nagaa yoo guban qabsoo dhiisee galuutti kan fudhatan murni bilxiginnaa lixa Shaggar aanaa Dandii ganda Daannisaa Shoonnoo keessatti guyyaa dheengaddaa jechuun Sadaasa 15, 2023 manneen qonnaan bultoota sadii mi’a mana keessaa dabalatee gubuun barbadeessuu jiraattotni dubbatu.

Namoonni nagaan hojii qonnaa irratti bobbaa’uun ofii fi maati isaanii jiraachisan kunneen maqaan isaanii Lataa Warquu,  Katamaa Dhaabaa, fi Kumaa Caalaa jedhaman jalaa akka gubanii barbaadeessan dubbatu.

Gubaatiin manneen namootaa irratti raawwatamu giddu galeessaa Oromiyaa fi lixa Oromiyaa dabalatee Arsii keessattis daraan hammaatee jiraachuu ragaan jiraattota irra argamu ni mul’isa.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading