ONM-ABO Sadaasa 19, 2023
Kaleessa Sadaasa 18 miseensonni waraana bilxiginnaa sirnicha utubaa turan mooraa diinaa ganuun godinaa Arsii bahaa aanaa Zuwaay Dudgaa magaalaa Haburaa irraa WBO Cibraa Jaal Nadhii Gammadaatti makamani jiru.
Miseensoni bilxiginnaa duraanii mooraa diinaa keessaa sabaan Oromoo ta’anii goyomsaan sirnichi keessatti uumeen barcuma Abiy Ahimed jabeesaa turan loltootni sadii qawwee fi hidhanno guutuu fudhachuun gara WBOtti dhufanii jiru.
Waraanni Abiy Ahimed duranii sirnicha jibbuun ba’an qawwee AKM Turkii 3, rasaasa, boombii fi hidhannoo waraana fidanii dhufan.
Akka miseensoni kunniin kaasanitti wal qixxummaan mooraa PP keessaa kan hin jirree fi fedha malee dirqaamaan akka hojjachaa turan dubbatan.
Keessattu olaantummaan saba Amaaraa akkaan eegama waan ta’ef namoonni achi keessatti gaaffii mirgaa yeroo gaafatan kan hidhamanii fi ilaalcha WBO qabdu jedhamuun ajjeeffamaa jiraachuus dubbatu.
Walumaagalatti warreen ilmaan Oromoo ta’anii mooraa diinaa keessa jiraniin waraanni bilisummaa Oromoo yeroo isin harka itti kennatan isin ajjeesu jechuun sodaachisaa turan sobaa ta’uu fi uummata irraa dhalanne irratti samicha geggeessaa turre dogongora ta’u hubanneerra jechuun ilmaan Oromoo mooraa diinaa keessatti hafan, sirnicha keessaa ganuun akka mooraa qabsoo bilisummaa Oromootti dabalaman dhaamaniiru.


