• Wed. Nov 29th, 2023

Tarkaanfii WBOn Duula Imala Bilisummaa Milkeessuuf Aanaa Caawwaaqaa 2ffa, Daaboo Haannaa, Dagam, Dirree Hincinnii, Jimmaa Gannatii fi  Boosatitti fudhateen Injifannoo boonsaa galmeesse!

Nov 19, 2023

ONM-ABO Sadaasa 19, 2023

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn duula Imala Bilisummaa Milkeessuu jedhuun labsame bu’uura godhachuun waraana faashistii PP irratti lola guyyaa har’aa Sadaasa 19 bakkoota adda addaatti baneen injifannoo cululuqaa galmeessee jira.

Haaluma kanaan baha Shaggar aanaa Boosat keessatti sa’a 9:00 irraa eegalee WBOn lola waraana bilxiginnaa irratti baneen du’aa fi madoon adabee injifannoo boonsaa galmeessee jira.

Lixa Oromiyaa godina Buunnoo Beddellee aanaa  Cawwaaqaa 2ffaa keessattii fi Daaboo Haannaa ganda Caamman Bareedaa keesatti gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Birgeedii Eebbisaa Addunyaa lola jabaa geggeessaa ture.

Lola hanga galgala kanaatti deemeen aanaa  Daaboo Haannaa ganda Caamman Bareedaa keesatti loltoota PP 20 ajjeesee 27 madeessuun qawwee AKM 5 irraa yoo hiikuu lola aanaa Caawwaaqa 2ffaa magaalaa aanichaa keessatti geggeesseen da’annoo diinaa diiguun diina hedduu ajjeesee gariin madeessuun meeshaalee lakkoofsi adda hin baane dhuunfateera.

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Gannatii magaalaa Haratoo keessattis lolli jabaan diina rifaasise geggeeffamuun kasaraa hamaa irraan kan ga’e yoo ta’u, humna diinaa magaalaa Baakkoo irraa birmannaa dhufte haleelee du’aa fi madoo gachisiisuun magaalaa irraa dhufte Baakkootti deebiseera.

Lolli aanaa Dagam keessatti meeshaa waraanaa RBG hiikuu hanga hidhamtoota siyaasaa gadhiisuutti ga’e injifannoo ajaayibaa goototni WBO argataniin kan goolabame yoo ta’u, gama lola Dirree Hincinniitti raawwateenis bu’aan dansaa argameera.

Gabaasa lolaa qindeessinee isiniif dhiyeessine kana kanneen quunnamtii isaanii arganne yoo ta’u, bakkeewwan quunnamtiin nuuf hin mijanne hedduu keessatti tarkaanfii fudhatamee fi injifannoo dabalataa argamee qabannee isiniif dhiyaanna!

Imala Bilisummaa Milkeessuuf lolli eegalame jabaatee itti fufa!

Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply