ONM ABO Sadaasa 18, 2023
Baatii Waxaabajjii kaasee hanga Hagayya walakkaatti walitti bu’iinsa gosoota Nuweerii fi Anyuwaak gidduutti dhalateen kan rakkachaa turte mootummaan naannoo Gambeelaa, rakkoo yeroo sana lubbuu lammiilee hedduu galaafate maree hawaasaan xumurre jedhanis ammas marsaa biraaf walitti bu’iinsi dho’uuf akka ta’e odeessi Koomishinii Poolisii naannichaa keessaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaa qaqqabe ni addeessa.
Akka odeessa kanaatti guyyaa dheengaddaa Sadaasa 15, 2023 naannoo Gambeelaa aanaa Itaang jedhamtu, bakka qubsuma Nuweerotaa keessa Anyuwaakotni seenuun gosa Nuweerotaa irraa nama tokko ajjeesan.
Sababa kanaanis walitti bu’iinsi xiqqaa ta’e ka’us rakkoo kana furuuf itti aanaan Koomishinii Poolisii Gambeelaa Paal Jook gara Itaang’tti imaluun dubbii tasgabbeessee dhufus, gabaasa waajjira isaaf kaleessa waaree booda kenneen gosootni lachuu aariin walitti ka’uuf qophii ta’uu miira isaanii irraa akka hubate ibseeraaf.
Akka Paal jedhetti rakkoon kun magaalaa Gambeelaa keessattis babal’achuu danda’a, bakkootni meeshaan waraanaa jiran dubbiin kun akka hin qabbanoofne waan godhaniif, walitti bu’iinsa kana dafne dhaamsuu yoo dadhabne akka magaalaa Gambeelaa hin seenne ittisuu qabna jechuun gabaasa laate.
Baatii afur dura walitti bu’iinsa gosoota gurguddoo lamaan naannichaa Anyuwaakii fi Nuweerii gidduutti dhalateen magaalattii keessatti halkan dhukaasni geggeeffamaa, namootni du’aa fi konkolaataa magaalaa gara aanaa deemuu irratti tarkaanfii fudhatamuun naannichi raafama hamaa keessa turuun ni yaadatama.











