• Wed. Nov 29th, 2023

Arjantiinaatti Jaaviyeer Maayileeyi filannoo pirezidaantummaa injfachuun jijjiirama cimaaf akka hojjetan waadaa galuu Associated Press gabaase

Nov 20, 2023

ONM-ABO Sadaasa 20, 2023

Akka Associated Press gabaasetti Jaaviyeer Maayileeyi filannoo pirezidaantii Arjentiinaa Dilbata gaggeeffame irratti sagalee guddaadhaan injifachuun, duula cimaa qaala’iinsa jireenyaa ol ka’aa jiruu fi hiyyummaa dabalaa jiru kana furuuf yeroo duula filannoo geggeessaanitti mootummaa raasaasaa turan hordofuun milkii gonfatan.

Filannoo pirezidaantummaa kanaaf sagaleen dhibbentaan %99.4 kan argame yoo ta’u, Maayileeyi %55.7, Ministirri Diinagdee Sergio Massa ammoo %44.3 argachuu abbaan taayitaa filannoo Arjentiinaa ibseera. Erga biyyootni Ameerikaa Kibbaa bara 1983 gara dimokiraasiitti deebi’anii as dorgommii pirezidaantummaa irratti injifannoo bal’aa ta’edha.

Daandiiwwan Bu’anoos Aayires irratti konkolaachiftoonni gammachuu isaanii kan dhageessisan yoo ta’u, hedduun isaanii bakkeewwan baay’eetti daandii irratti ba’anii ayyaaneffachaa turan.  Waajjira muummee dhaaba Maayileeyi, hoteela magaalaa guddoo Buenos Aires keessatti argamuun alatti, deggartoonni sirbaa, biiraa daldaltoota irraa bitachuu fi boombii halluu aduu qabu dhoosuun gammachuu isaanii ibsachaa turan.

Alaabaa Arjentiinaa fi alaabaa keelloo kan bofti hidduuf qophaa’e irraa jiru  kan jechoota “Don’t Tread On Me” jedhu  duula filannoof Maayileeyi itti fayyadamaa ture mirmirsan.

Maaayileeyi kan Pirezidaantii duraanii U.S. Donald Trump waliin wal bira qabamee ilaalamu, haasawa injifannoo isaa kan taasise yoo ta’u, “ijaarsi Arjentiinaa irra deebiin har’a eegala“ jedhe.

Haalli Arjentiinaa murteessaadha. Jijjiiramni biyyi keenya barbaaddu cimaadha. Suuta suutaan hojjechuuf bakki hin jiru, tarkaanfiiwwan ho’aa fudhachuuf bakki hin jiru,” jechuun Maayileeyi deggartoota “Bilisummaa, bilisummaa!” fi “Hundi isaanii haa deeman” jechuun gita siyaasaa biyyattii eeruun sagalee dhageessisaaa turaniif haasaa godhan.

Maasaan paartii biyya bulchaa jiru Peeronistii bakka  bu’e duraanuu mo’amuu isaa amanee fudhatee jira, Arjentiinaa “karaa biraa filataniiru” jedheera.

”Har’a  irraa eegalee … hojii siyaasaa, hawaasummaa fi diinagdee mirkaneessuun itti gaafatamummaa pirezidaantii haaraa ti. Akkas akka godhu abdiin qaba,” jedhan Massaan.

Pirezidaantiin Biraazil duraanii Bolsonaroo fi Tiraamp lamaan isaaniiyyuu miidiyaa hawaasaa irratti Maayileeyi baga gammadde jedhan.

“Addunyaan guutuun ilaalaa ture! Baay’een isinitti boona, biyya kees guddoo taasifta” jechuun Tiraamp waltajjii isaanii Truth Social irratti barreessaniiru.

Ministirri Dhimma Alaa U.S. Antony Blinken akkasumas Maaleeyi’n galateeffataniiru.
“Tumsa biyyoota lamaanii gatii fi dantaa waliinii irratti hundaa’e akka itti fufuuf hawwii guddaan eegganna,” jechuun Blinken barreessuu Associated Press gabaaseera.

Leave a Reply