• Wed. Nov 29th, 2023

Lixa Shaggar aanaa Ejersa Lafoo keessatti hidhaan daangaa hin qabne hawaasa nagaa irratti geggeefamaa jiraachuu jiraattonni dubbatu

Nov 20, 2023

ONM-ABO Sadaasa 20, 2023

Dachee abbaa isaa irratti nagaan jiraachuu dhabuun hiree Oromoo kan baroota hedduu ta’ullee bara mootummaa Oromooti ofiin jedhan keessa lubbuu namootaa dabalatee hidhaa takkaa uummata Oromoo irratti raawwatee hin beekneetu waggoota shanan kana keessa raawwatamaa jira.

Haaluma kanaan lixa Shaggar aanaa Ejersa Lafoo ganda Daannisa Xanqoo jedhamu keessatti hidhaan torban kana keessa hidhattoota murna PP’n hawaasa nagaa irratti raawwatamu jabaatee itti fufuun namoonni lakkoofsaan hedduu ta’an buufata poolisii magaalichaa keessatti kan argaman yoo ta’u isaan keessaa eeruu hawaasaatiin kan maqaa arganne obbo Nagaasaa Gabbisaa manguddoo ganna 65, Ayyaanaa Isheetuu, Abbabaa Guddisaa, Raashaa Fiixaa, Didhaa Asaffaa, Imaanaa Soonnaa fi Kabbee Warquu, kanneen jedhaman murtii seeraa malee hidhamanii akka hiraarfamaa jirantu dubbatama.

Namoonnii kunneenis jiruu fi jireenya isaanii irraa shira murni PP siyaasa mataa isaanii ittiin geggeefachuuf dalageen kan hidhaman yoo ta’u waqtii itti midhaan ooyiruu isaanii irraa haamanii galfatanitti jumlaan guuranii mana hidhaatti galchuun isaanii uummatichaaf yaaduu osoo hin taane gadadootti hambisuuf akka hojjachaa jiranis kan mul’isuudhas jedhan maddeen.

Gandicha keessatti hidhaa dabalatee gubaatiin manneen namootaa akkaan geggeefamaa kan jiru yoo ta’u yeroo ammaas namoonni hedduun qe’ee isaanii gad dhiisuun gara firoota isaa iddoo biraa jiranii fi magaaloota addaatti baqachaa jirus jedhu.

Leave a Reply