Kaaba Shaggar Aanaa Dagam, Magaalaa Hambisoo keessatti tarkaanfii laalessaa gootichi fudhateen meeshaaleen lolaa boombii harkaa saanduqa tokko, qawwee AKM 150, Baazuqaa 7, Laawuncherii tokkoofi hidhannoonee waraanaa booji’uun halii taasiseera.
Hidhamtoota Siyaasaa Oromoo, Oromummaan yakkaman namoota 100 mana hidhaa irraa bilisaan gadhiisuun, namoota reebichi hamaan irratti raawwatamee qaamaa hir’atanis uummanni itti yaa’uun baadhatee deemeera.



