ONM-ABO Sadaasa 20, 2023
Murni bilxiginnaa addatti torbanoota kana irraa eegaluun duula ajjeechaa, saamicha, buqqaatii fi hidhaa hojii isaanii isa angafaa godhachuun lammiilee nagaa rasaasaaf gochaa jiru.
Oromiyaa keessatti waraana Abiy Ahimed uummatatti bobbaaseen ilmi namaa bakkeetti hafaa kan jiruu fi ba’ee galuun kan itti cimee jiru yoo ta’u, guyyaa kaleessaa jechuunis Sadaasa 19, 2023 Qarsaa Maallimaa magaalaa Leemman keessatti dargaggootni maqaan isaanii Lammaa Qaccaa Tolasaa barataa kutaa 12ffaa, Abbabaa Tashoomaa Jiruu fi Obolleessa isaa Sattoo Tashoomaa Jiruu fi Zawuduu Gizaa Carraaqqoo jedhaman hidhattoota Abiy Ahimed uummata nagaatti bobbaseen haala suukanneessaan gabaa keessatti akka ajjeefamantu dubbatama.
Dargaggoota kanas maqaa waraana bilisummmaa Oromoo deggartu jedhuun shakkanii qabuun waajjira poolisii magaalaa Leemman keessatti hidhanii turuu fi guyyaan kaleessaa guyyaa gabaa waan tureef warra kaaniif fakkeenya haa ta’u jechuun uummata gabaa ba’ee jiru walakkaatti rasaasa itti roobsuun ajjeesuu isaaniis dubbatu.
Akkasuma guyyaa dheengaddaa jechuun sadaasa 17, 2023 aanuma Qarsaa Maallimaa ganda Dambii Rogee keessatti daa’ima ganna digdama hin guunne kan maqaan isaa Abee Nagaash Daassitaa jedhamu rasaasa sadi itti roobsuun ajjeesuu jiraattootni dubbatan.
Namni dargaggoo kana ajjeesise Itti gaafatamaa waajjira qonnaa aanaa Qarsaa Maallimaa kan ta’e nama Shiffarraa Alamuu Tulluu jedhamu ta’uus jiraattootni dabaluun dubbatu.

