• Wed. Nov 29th, 2023

Lixa Shaggar aanaa Jalduu keessatti hidhattoota garee maafi’aa PP’n manneen namootaa gubachuun qabeenyis saamame

Nov 20, 2023

ONM-ABO Sadaasa 20, 2023

Oromoof dhaabbanna jechaa qabeenya isaa mancaasuun Oromoo gara dukkanaatti oofaa kan jiran  warreen biyya bulchina ofiin jedhan hawaasa Oromoo qabeenya isaa saamuu fi gubanii barbaadeessuun akka uummatichi rakkoo beelaa keessaa hin baanee fi daa’ima isaa hin guddifanne gochuun Oromiyaa keessatti haala gaddisiisaan ilmaan ishee guyyaa guyyaan gochoota Xiin sammuu hawaasaa jeequtu raawwatamaa jira.

Gidiraan hidhattoota sirnichaan namoota nagaa irratti Oromiyaa keessatti raawwatamaa jiru kun jabaatee itti fufuun lixa Shaggar aanaa Jalduu ganda Inttoo Daalee fi Kilbee keessatti gaafa sadaasa 17, 2023 hidhattoota sirnichaan manneen namootaa gubachuunii fi saamichis hawaasa nagaa irratti raawwatameera.

Nugusaa Gabbisaa, Darajjee Biraanuu fi Suufaalaa Abdiisaa ganda Inttoo Daallee iddoo addaa Inttoo fi Dadalaa jedhamu keessaa qabeenya mana guutuu waliin jalaa gubanii yoo barbadeessan, Nugusaa Gabbisaa saawwa tokkoof jabbii tokko akka jalaa fudhatanii deemanis jiraattotni himan.

Akkasuma ganda Kilbee keessatti gaafa sadaasa 18, 2023 qabeenya nama nagaa siyaasa hin beeknee fi hojii qonnaa isaa dalagachuun jiraatu kan maqaan isaa Urgeessaa Sinee jedhamu manuma isaatti itti ol seenun gaaffi tokko malee sangoota lama jalaa fudhachuun akka deemanis dabaluun dubbatu.

Leave a Reply