• Wed. Nov 29th, 2023

Miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii 3 mooraa diinaa ganuun mooraa Waraana Bilisummaa Oromoo zoonii kibba baha Oromiyaatti makaman

Nov 20, 2023

ONM-ABO Sadaasa 20, 2023

Dheengadda Sadaasa 18, 2023 miseensonni waraana bilxiginnaa sirnicha utubaa turan mooraa diinaa ganuun godina Arsii bahaa aanaa Zuwaay Dudgaa magaalaa Haburaa irraa WBO Cibraa Jaal Nadhii Gammadaatti makamanii jiru.

Miseensoni bilxiginnaa duraanii mooraa diinaa keessaa sabaan Oromoo ta’anii goyomsaa sirnichi keessatti uumeen barcuma Abiy Ahimed jabeessaa turan loltootni sadii qawwee fi hidhanno guutuu fudhachuun gara WBOtti dhufanii jiru.

Waraanni Abiy Ahimed duranii sirnicha jibbuun ba’an qawwee AKM Turkii 3, rasaasa, boombii fi hidhannoo waraanaa fidanii dhufan.

Akka miseensoni kunniin kaasanitti wal qixxummaan mooraa PP keessa kan hin jirree fi fedha malee dirqamaan akka hojjachaa turan dubbatan.

Keessattuu olaantummaan saba Amaaraa akkaan eegama waan ta’eef namoonni achi keessatti gaaffii mirgaa yeroo gaafatan kan hidhamanii fi ilaalcha WBO qabdu jedhamuun ajjeeffamaa jiraachuus dubbatu.

Walumaagalatti warreen ilmaan Oromoo ta’anii mooraa diinaa keessa jiraniin waraanni bilisummaa Oromoo yeroo isin harka itti kennattan isin ajjeesu jechuun sodaachisaa turan soba ta’uu fi uummata irraa dhalanne irratti samichi geggeessaa turre dogoggora ta’uu hubanneerra jechuun ilmaan Oromoo mooraa diinaa keessatti hafan, sirnicha keessaa ganuun  akka mooraa qabsoo bilisummaa Oromootti dabalaman dhaamaniiru.

Leave a Reply