ONM-ABO Sadaasa 20, 2023
Oromiyaa keessatti nagaaf tasgabbiin akka hawaasni Oromoo hin jiraanneef murni bilxiginnaa qe’ee namootaa irratti waraana naamusaa fi Sansakkaa waraanummaa hin qabneen dararaa ulfaataa raawwachaa kan jiru yoo ta’u, heera Impaayerattiin qabdu faalleessuun namoota yakka tokko malee jumlaan hidhuun jabaatee jira.
Haaluma kanaanis Sadaasa 18, 2023 godina Kibba lixa Shaggar aanaa Wancii ganda Dulleelee keessatti qonnaan bultoota hojii qonnaa irratti bobba’uun maatii isaanii jiraachisan Waraanni sirnichaa qabuun gara magaalaa Wancii geessuun akka hidhan kan himan maddeen, namootni hidhamuun dararamaa jiran maqaan isaanii Fayyeeraa Mitikkuu Wadaajoo ganda Dulleelee irraa yoo ta’u, Abbuu Tashaalaa Jirruu fi Shifarraa Dajanuu Bantii ganda Korfoo Guulee irraa qabamanii kan hidhamaniidha.
Dabalataanis godinuma kibbi lixa Shaggar aanaa Ammayyaa irraa namootni balleesaa tokko malee hidhamanii hiraarfamaa jiran kanneen maqaa araganne muraasni isaanii: Geetuu Tsaggaayee Garbii ganda Guultii Boolaa, Dirribaa Warqinaa ganda Molaa Gaattiraa, Dabalaa Miijanaa fi Kabaddaa Toleeraa bulchiinsa magaalaa Gindoo ganda 02 irraa qabamuun dararaa ulfaataa argaa akka jiran jiraattotni ONMtti himaniiru.




