ONM-ABO Sadaasa 20, 2023
Oromoon akka Sabatti impaayera Itoophiyaa keessatti mirgi isaa sarbamee haa jiraatu iyyuu malee, gaaffii mirga abbaa biyyummaaf waggoota dheeraaf Oromoon taasiseen sirni EPRDF kan kufe yoo ta’u, murni bilxiginnaa yeroo ammaa aangoo irra jirus qabsoo sabichaa butuun abbaa irrummaa isaa mul’isee dachee Oromiyaas dhiigaan uwwisaa jira.
Haaluma kanaanis dheengadda jechuun Sadaasa 18, 2023 maanguddoota lama godina Bunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa keessaa Obbo Ahimad Usmaan jaarsa umurii 90 ganda Shimal-Tokkee irraa fi obbo Amaan Aliyyii ganda Tarkaanfataa irraa waraana sabaaf naasuu hin qabneen rasaasni itti roobsamee akka ajjeefamantu himama.
Akka jiraattotni jedhanitti reffa maanguddoota kanaa dhorkachuun guyyaa tokko booda sirni awwaalchaa kan geggeefame yoo ta’u, Obbo Amaan waraana faashitii PP kanaan ajjefamee reeffa maatiif kennuu diduun ooyiruu isaa keessaa Sadaasa 19, 2023 argamee awwaalamuu jiraattonni Arraatni Biyyoolessa oromiyaa dubbisee addeessaniiru.

