• Wed. Nov 29th, 2023

Haleellaa Israa’el mooraa, manneen barnootaa irratti raawwateen namoonni hedduun ajjeefamuu Aljazeeraan gabaase

Nov 20, 2023

ONM-ABO Sadaasa 20, 2023

Gabaasa Aljazeeraan kaleessa Sadaasa 19 baaseen haleellaan qilleensaa Israa’el kaaba, giddu galeessaa fi kibba Gaazaa keessatti raawwatte daa’imman dabalatee namoota hedduu ajjeesuu isaa qondaaltonni fi miidiyaaleen Falasxiin kan ibsan yoo ta’u, lafti marfame kun guyyaa 44ffaa boombii itti darbatamee jira jedhan.

Haleellaa Israa’el giddugala Gaazaa mooraa baqattootaa Bureej fi Nuseeyirat irratti raawwatteen yoo xiqqaate namoonni 31 du’uu Ministeerri Fayyaa naannoo Hamaasiin bulfamu Dilbata  kaleessaa ibseera. 

Kibba magaalaa Khan Younis keessatti haleellaa raawwatameen dubartiin tokkoo fi mucaan ishee ajjeeffamuu dhaabbati oduu Falasxiin Wafa’n gabaase.

Humnoonni Israa’eel yeroo weerara West Baankii dhuunfatamte keessatti raawwattan qaama miidhamtuu dabalatee namoota lama rasaasaan rukutanii ajjeesuu isaanii Waafaa’n gabaaseera.

Qaama miidhamaa  ganna 46 Issam al-Fayed seensa mooraa baqattootaa Jenin irratti kan ajjeefame yoo ta’u, dargaggeessi ganna 20 Omar Laham ammoo mooraa baqattootaa Dheisheh kibba Beetaliheemitti argamutti ajjeefamuu isaa Waafaan beeksiseera.

‘Jireenyi keenya si’ooliidha’. Ajjeechaan kun kan raawwatame haleellaa hamaa manneen barnootaa fi mooraa baqattootaa kaaba Gaazaa irratti raawwatameen booda jechuun Aljazeeraan ibse.

Dilbata darbe haleellaa mana barumsaa Al Fakhoura mooraa baqattootaa Jabaliyaa keessatti raawwatameen yoo xiqqaate namoonni 50 kan du’an ta’uu Ministeerri Fayyaa Gaazaa beeksisuun, haleellaa mana barumsaa lammaffaa Tall az-Zatar keessatti raawwatameenis lubbuun namoota hedduun darbeera.

Xiinxalaan siyaasaa olaanaa Al Jazeera Marwan Bishara akka jedhanitti, waraanni Israa’el hospitaalotaa fi manneen barnootaa irratti xiyyeeffatee boombiin haleelaa jiraachuu ibsuun ”Mana barumsaa namoota kumaatamaan lakkaa’amaniif gaaddisa ta’uuf qilleensa irraa boombii itti darbachuun miidhaa, kasaaraa namaa, gidiraa fi du’a uumuuf yaadameeti,” jechuun Bisharaan dubbachuu Aljazeeraan gabaaseera.

Leave a Reply