• Wed. Nov 29th, 2023

WBOn zoonii kibba bahaa godina Arsii lamaan keessatti daandii guddaa Asallaa fi Shaashamannee dhuunfate

Nov 20, 2023

ONM-ABO Sadaasa 20, 2023

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn duula Imala Bilisummaa milkeessuuf lolaa fi labsa ugguraa hojiirra oolchuun diinaaf hojii manaa kenneefii hojjechaa jiru kanaan abdii fi gaaddisni sabaa WBOn zoonii kibba bahaa godina Arsii Lixaa fi Baha keessa sosso’u kaleessa Sadaasa 19 irraa eegaluun hojiiwwan boonsaa hojjechaa jira.

Korommiiwwan diinaaf yaaddoo ta’an WBOn Cibraa Jaal Nadhii Gammadaa duula Imala Bilisummaa milkeessuuf taasifamaa jiru kanaaf daandii guddaa godina Arsii Lixaa fi bahaa qunnamsiisu dhuunfatee jira.

Kaleessa hanga har’a Sadaasa 20tti daandiin Asallaa fi Shaashamannee gooticha Waraana Bilisummaa Oromoon kan to’atamte yoo ta’u, sochiin naannoo sana irra hin jiru.

WBOn abdii sabaa  godinoota kana keessa socho’u imala isaa itti fufuudhaan bakkoota adda addaa keessattis diina irratti tarkaanfii fudhachuun injifaanoo boonsaa galmeessa jira.

Tarkaanfiin WBOn zooniilee waraanaa cufa keessatti fudhachaa jiru jabaatee kan itti fufee jiru yoo ta’u, tarkaanfii kanaan alattis labsiin ugguraa hojiitti seenanuun murna bilxiginnaaf yaaddoo jabaa ta’ee jira.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply