• Fri. Mar 13th, 2026

Mareen nageenyaa Waraana Bilisummaa Oromoo fi murna bilxiginnaa waliin geggeeffamaa ture waliigaltee malee xumurame

Nov 22, 2023

ONM-ABO Sadaasa 22, 2023

Mariin nageenyaa marsaa 2ffaaf gaggeeffamaa ture wal dhabdee Oromiyaa keessatti adeemsifamaa jiru furuuf kaayyeffate waliigaltee malee xumuramee jira.Mariin biyya Taanzaaniyaa magaalaa Daaresalaam keessatti geggeeffamaa tureen hooggantootni olaanoon ABO-WBO kan argaman yoo ta’u, maree kanaanis rakkoon uummata Oromoo fi impaayerattii waliigalaa ni furama jedhamee eegamee ture.

Waliigalteen dhabamuu ilaalchisee ibsa ABO-WBO’n kaleessa Sadaasa 21, 2023 baaseen akka ibsetti rakkoo ijoo ummata Oromoo furuuf ABO-WBO’n  yaada hunda haammate Zanzibaar irraa hanga DaareSalaamitti walitti aansuun dhiyeessuun bulchiinsa naannoo Oromiyaa irratti jijjiirama hiika qabeessi akka dhufuuf daandii saaqsisuuf ga’ee isaa ba’atee ture.

Haa ta’u malee murni bilxiginnaa rakkoolee kana bu’uura irraa furuu irraa xiqqeessuun dhiyaachuun walqabatee furmaatni bilxiginnaan dhiyeesse qormaata nageenyaa fi siyaasaa dabaluu akka danda’utu hubatama.

Sababa kanaaf ABO-WBO’n impaayerattiin dhaabbilee walaba ta’an kan aangoon itti gaafatama qaban, uummatni hiree isaa akka murteeffatu humneessan, waltajjii ga’umsaan itti fayyadaman akka uumamu kan gaafate ture. Ijaarsi dhaabbilee  itti fufa ta’uu osoo hubannuu, carraa seena qabeessa ta’e kanaan kallattii sirrii ta’een akka furamuun adeemsi taasifame sababa murni Itoophiyaa bulchu fudhachuu dadhabeef waliigaltee irra osoo hin geenye kufuu ibsi ABO-WBO’n kaleessa Daaresalaam irraa baase ni addeessa.

Ibsi mirna bilxiginnaan ba’e gama isaatiin gaaffileen Oromoo deebi’eera, gaaffiin isaan kaasan sirrii mitii fi caasaa  mootummaa diiguuf kan jedhu akkasumas ibsa isaanii kanaan garee shororkeessaa jedhee kan waamu yoo ta’u, bilxiginnaan lola akka itti fufu akeekeera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading