ONM-ABO Sadaasa 22, 2023
Aanaalee Godinoota Oromiyaa cufa keessatti loltootaa fi kaadirootni PP kiyyoo cubbuu ittiin dargaggoota Oromoo adamsan kiyyeessuun Lubbuu ol adeemtota hedduu irratti tarkaanfii ajjeechaa fudhachaa kan jiran yoo ta’u, tibba mariin nageenyaa gaggeeffamaa ture kanatti ammoo gochi kun akkaan jabaatee gaggeeffamaa kan turee fi kan itti jiru ta’uunis beekame.
Haaluma kanaanis, Godina Lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuu keessatti dheengadda Sadaasa 20, 2023 dargaggeessa maqaan isaa Abdii Guddinaa jedhamu naannoo Komisii fi maqa Igguu jedhamtu gidduutti Waraanni PP guyyaa keessa toora sa’a 10tti qabuun kaambii magaalaa Goorii keessatti hidhanii dararaa erga turaniin booda, kaleessa Sadaasa 21, 2023 ganama Baajaajiidhaan fuudhanii ba’uun bakka Guutee Goorii jedhamutti geessanii rasaasa shaniin rukutanii ajjeesuun beekame.
Dargaggoon ajjeefame kun lixa Wallaggaa aanaa Jaarsoo ganda Ada’aa Gorbaa jedhamtutti kan dhalate yoo ta’u, maatii dubbisuuf aanaa Qilxu Kaarraa deemee Osoo deebi’aa jiruu gara jabeeyyiin ilmaan namaaf marartee hin qabne balleessaa tokko malee Lubbuu isaa dhabamsiisuun reeffa isaa Bakkee keessatti gatanii akka hawaasaaf maatiin hin kaafanneef eegaa jiraachuu fi hanga Oduun kun qindaa’ettis reeffi dargaggoo kanaa awwaalcha dhorkamuun Bakkee keessa jiraachuu maddeen ifoomsaniiru.
Oduu biraatiin ammoo aanaama Lataa Sibuu keessatti kaadirootni bilxiginnaa humna waraanaa gargaaramuun dargaggoo walitti qabanii waltajjii teessisaa turuun kan beekame yoo ta’u, waltajjii kanaanis Ijaaramaatii Hojiitti galaa waliin hojjennaa fi kana booda daandiin cufamnaan bakkeetti Kan biraa barbaacha hin deemnu isin irratti tarkaanfii fudhanna isintu magaalaa keessa taa’ee odeessa kenneefii daandiin akka cufamu gochaa jira jechuun bifa mariitiin dargaggoota doorsisaa turuu dubbatu.


