ONM-ABO,Sadaasa 23, 2023
Murni bilxiginnaa, golee Oromiyaa keessatti sabboontotaafi maatii qabsaa’otaa, gaafatama ilmaan isaanii itti deebisuun, ilmaan keessaan WBO keessaa galchaa, yoo kana hin goone isinuma ajjeesna jechuun hidhuu, ajjeesuufi qabeenyaa jalaa barbadeessuu itti fufanii jiru.
Godina Arsii Bahaa Aanaa Martii ganda Hellaa Akkiyaa jedhamtu keessatti, kaleessa Sadaasa 22, 2023 barataa kutaa 12ffaa maqaan isaa Callaa Aliyyii Huseen jedhamu, Obboleessi kee miseensa WBOti jechuun Sadaasa 16, 2023 qabanii mana hidhaatti darbatanii kan turan yoo ta’u, torban tokkoon booda guyyaa kaleessaa mana hidhaatii baasuun ajjeesanii gatuu maddeen keenya himaniiru.
Godinuma Arsii Bahaa Aanaa Jajuu keessatti ammoo sabboontotaOromoo, WBO deggertu maqaa jedhu itti maxxansuun mana hidhaatti guuraa kan jiran yoo ta’u, namoonni maqaan isaanii
Kamaaloo Hajii
Ababaayee Huseen
Baayiluu Gizaaw
Malkaa Hawaas
Warqii Qumbii
Guddataa Milkii
Milkii Wanjii fi
Badhaadhaa Tufaa jedhaman badii tokko malee maqaa deggertoota WBOti jedhuun warra hidhamee dararamaa jiru ta’uu maddeen keenya dabaluun ibsaniiru.
