• Tue. Jan 13th, 2026

Ministiroonni dhimma alaa Kooriyaa Kibbaa, Chaayinaa fi Jaappaan walgahii biyyoota sadii irratti mari’achuuf akka jiran Rooyiters gabaase

Nov 25, 2023

ONM-ABO Sadaasa 25, 2023

Akka Rooyiters gabaasa kaleessa baaseen addeessetti ministeerotni haajaa alaa Kooriyaa Kibbaa, Chaayinaa fi Jaappaan Dilbata borii Kooriyaa Kibbaa keessatti  walga’ii akka geggeeffatan ministeerri haaja alaa Kooriyaa Kibbaa Jimaata kaleessaa kan ibsan yoo ta’u, biyyoonni sadan walgahii hoggantoota isaanii isa jalqabaa waggoota afur keessatti gaggeessuuf yeroo barbaadanitti ta’uun ibsameera.

Ollaan kunneen tumsa naannoo guddisuuf bara 2008 irraa eegalee waggaa waggaan walgahii gaggeessuuf waliigalanii kan turan yoo ta’u, karoorri kun waldhabdee biyyoota lamaanii fi weerara COVID-19’n kan danqame ta’uunis ifoomeera. Walgahiin isaanii inni dhumaa bara 2019 geggeeffamee ture.

Walgahiin ministeerota dhimma alaa magaalaa buufata doonii Kooriyaa Kibbaa Buusan keessatti gaggeeffamus erga bara 2019 booda walgahii akkasii isa jalqabaati.

Ji’a Fulbaanaa keessa dippilomaatonni olaanoon biyyoota sadan kanaa walgahii hoggantoota isaanii “yeroo mijatutti”  jalqabuuf waliigalanii turan.

Ministeerri dhimma alaa Kooriyaa Kibbaa ibsa kennaniin, “ministeeronni dhimma alaa kunneen qophii yaa’ii biyyoota sadeen 9ffaa dabalatee kallattii guddina tumsa biyyoota sadeenii, dhimmoota naannoo fi addunyaa irratti yaada bal’inaan wal jijjiiruuf karoorfataniiru” jedheera.

Kana malees Ministiroonni kunneen walga’ii biyyoota lamaanii cinaatti ni gaggeessu jechuun dabalee ibseera.

Mariin kun kan gaggeeffamu yeroo Kooriyaan Kibbaa fi Jaappaan walitti dhufeenyi isaanii fooyya’aa jiruu fi akkasumas tumsi nageenyaa Ameerikaa waliin qaban gadi fageenyaan mul’achaa jiru, akkasumas dhiibbaan Chaayinaan naannichaatti gootu guddachaa dhufuun yaaddoo uume keessatti.

Beejiing kanaan dura carraaqqiin U.S. Kooriyaa Kibbaa fi Jaappaan waliin hariiroo cimsuuf taasiftu naannicha keessatti waldhabdee fi wal dura dhaabbannaa dabaluu akka danda’u akeekkachiiftee turte.

Walgahiin Buusanitti gaggeeffamu kun kan dhufe erga Kooriyaan Kaabaa torban kana saatalaayitii basaasaa ishee jalqabaa orbiitii keessa galchuu ishee erga ibsitee fi murteewwan U.N.kanneen teeknooloojii sagantaa misaa’ela balistikii irratti raawwatiinsa qabu fayyadamuu dhorku cabsuu isheetiin balaaleffannaa idil-addunyaa argatteen booda ta’uu Rooyiters magaalaa guddittii Kooriyaa Kibbaa Siyool irraa gabaasa kaleessa baaseen addeesseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading