ONM-ABO Sadaasa 25, 2023
Qonnaan bultoota qe’ee isaanii baadiyyaa keessatti jiruufi jireenya isaanii gaggeeffataa jiran isin miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti jechuun qabanii hidhuun dararaa jiru. Baha Wallaggaa Aanaa Limmuu Galiilaa keessatti sadaasa 23, 2023 Waraanni Shiftaa Abiyyiin bobbaafaman uummata keessa bobba’uun qonnaan bultoota jiruufi jireenya isaanii gaggeeffatan qabuun gara magaalaa Galiilaa geessuun rakkisaa akka jiran maddeen keenya gabaasani.
Qonnaan bultoota hirmaannaa Siyaasaa ofirraa hin qabne, akkasumallee kan hidhannoo waraanaa hoomaatuu ogirraa hin qabne afaan qawween dhuunfatanii gara magaalaa geessuun waan isaan hin qabne itti maxxansuun rakkoo hamtuuf saaxilaa jiru.
Maddeen keenya magaalaa Galiilaa irraa akka jedhanitti, namootuma nuti beeknu, kan jireenya ofii gaggeeffachuu malee hirmaannaa siyaasaa hin qabne baafiyyaatti bobba’uun qabanii fidanii magaalaa seensisuun WBO qabanne jedhanii yoo hawaasatti himan ni rifanne jedhaniiru.


