• Mon. Mar 16th, 2026

Hidhattootni murna faashistii PP namoota nagaa gabaaf ba’aan magaalaa Dambi Dolloo keessatti itti dhukaasanii madeessuun barame 

Nov 27, 2023

ONM-ABO Sadaasa 27, 2023

Akka jiraattotni godina Qellem Wallaggaa magaalaa Dambi Dolloo nuuf himanitti dheengadda Sadaasa 25, 2023 toora sa’a 9:00 irratti hidhattootni murna maafi’aa PP maqaa milishaa jedhu maxxanfatanii deeman namoota nagaa gabaa guddaa godinichaatti waa daldalachuu fi bitachuuf ba’aan irratti sababa tokko malee rasaasa dhukaasaniin namootni 4 madaa’uun hospitaala Dambi Dolloo seenuun kan barame yoo ta’u, kanneen rasaasa dhukaafame dheessuun boolla seenanii fi wal miidhanis hedduu ta’uu ibsaniiru.

Tarkaanfii akka feetee hidhattootni faashistii PP fudhatan kanaan magaalaa Dambi Dolloo keessatti namootni miidhamanii hospitaala jiran Lalisee Dibaabaa aanaa Sayyoo ganda Miinkoo, Lalisee Kennaa Bulchiinsa Magaalaa Dambii Doolloo ganda 05, Hundattuu Heenok Bulchiinsa Magaalaa Dambii Doolloo ganda 04 fi Meskerem Yohaannis Bulchiinsa Magaalaa Dambii Doolloo ganda 05 ta’uun barameera.

Tarkaanfiin kun gabaa walakkaatti ta’uun miidhaan kun akka haammatu kan taasise yoo ta’u, akka hawaasni magaalaa Dambi Dolloo jedhanitti milishaan tarkaanfii kana fudhate yeroo inni milishaa hin ta’in namaaf ergamaa ture intala tokko jaalalaaf gaafatee sababa diddeef guyyaa gabaa kana humnaan dirqisiisuuf yaalii taasisus hin milkoofne.

Kana irraa ka’uun fedhii dhuunfaa isaaf namoota toora sana irraa biqila gurguraa turan rasaasaan rukuchuun akka miidhe odeessi achii nu ga’e ni addeessa.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading