• Wed. Jan 14th, 2026

Ilmaan Oromoo Walloo magaalaa Kamiseetti hidhamanii jiran lagannaa nyaataa geggeessaa jiraachuun barame

Nov 27, 2023

ONM-ABO Sadaasa  27, 2023

Hidhamtootni siyaasaa Oromoo Kaaba Oromiyaa godina Walloo mana hidhaa magaalaa Kamisee keessatti argaman murtii haqaa waan dhabaniif guyyaa har’aa Sadaasa 27, 2023 irraa eegaluun lagannaa nyaataa jalqabanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akka maddeen jedhanitti ilmaan Oromoo kunneen sababa Oromoo ta’an qofaaf mana hidhaa keessatti dararaan hanga kana hin jedhamne irra ga’aa jira kan jedhan maddeen kun, namooni mana hidhaa Kamisee Keessatti dararamaa jiran kunis qotee bulaa, daldalaa, abbooti Amantaa, barataa, barsiisaa, Artistii, ijoollee, jaarsa, qeerroo fi qarreen  keessatti akka argaman ibsaniiru.

Namoota magaala Kamiseetti hidhaman kana keessatti Arstist Sa’ad Awwal kan argamu yoo ta’u, namooni kunneen mana murtiitti erga dhihaatanii baatii 5 fi erga hidhamanii waggaa 3 kanneen guutaniis jiraachuu dubbatan.

Baay’inni namoota mana hidhaa Kamisee Keessa sababa siyaasaan murtii haqaa malee hidhamanii jiranii  321 yoo ta’u, asi keessatti dhalaan namoota 11tu keessatti argama.

Guyyaa har’aa Sadaasa 27 beellamni kan ture yoo ta’u, beellama kanas bakka bu’ummaa federaalaan naannoon Amaaraa kan ilaalan ture.

Haa ta’u malee namootni dhimma kana akka ilaalaniif aangoon kennameef kun dhimma hidhamtoota Oromoo kana dhiisanii  hidhamtoota Amaaraa kan maqaa garee shororkeessaa Faannootiin hidhaman ilaaluun gadhiisanii jiraachuu maddeen himan.

Sababa kanaanis haqa isaaniitti murtii argachuu dhabuun, murni bilxiginnaa haa ta’u jedhee miidhaa qorqalbii fi fayyaa irraan ga’uu isaa hubachuun lagannaa nyaataa guyyaa har’aa kan eegalan yoo ta’u, uummanni Oromoo fi rogeessitootni akkasumas qaamoleen mirga namoomaaf falman sagalee akka ta’aniif waamicha dhiyeessanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading