• Sun. Mar 15th, 2026

Lixa Shaggar aanaalee akka Ejersaa Lafoo, Ejeree fi Dandii keessatti dirqamaan uummata harkaa maallaqa Inshuuraansii fayyaa fi hidha laga Abbayyaa jechuun saamaa jiraachuu jiraattotni himatu 

Nov 27, 2023

ONM-ABO Sadaasa 27, 2023

Maqaa  Inshuuraansii fayyaa fi hidha laga Abbayyaa jedhu sababa godhachuun kaabinoonni murna bilxiginnaa hidhattoota sirnichaa waliin ta’uun akka waan misooma biyyaatiif ta’uu fakkeessuun humna waraanaaf jecha maallaqa dirqamaan magaalaa hanga baadiyyaatti uummata harkaa Saamaa jiru.

Murni bilxiginnaa waraana humnaa ol leenjisuu irraan ka’e yeroo ammaa gama tokkoon hawaasa nagaa jumlaan ajjeesaa, hidhaa fi qabeenya isaa gubuun barbadeessaa karaa tokkoon ammoo sobee maqaa Inshuuraansii fayyaa fi hidha laga Abbayyaa jedhuun Waraana hedduumina qabu Kan waan ittiin jiraachisan dhaban ittiin utubuuf jecha uummata Saamaa jiru.

Aanaalee lixa Shaggar Ejersaa Lafoo, Ejeree fi Dandii akkasumas gandoota aanota kanneenii Daannisa Xanqoo, Gooroo Daannisaa, Daannisa Shoonnoo, Qabaa Bareedaa, Ariirtuu fi Gorba jedhaman keessatti torban kana irraa kaasuun humni waraanaa qe’ee hawaasa Keessa deemuun dirqamaan maallaqa kanfalchiisaa jiraachuu fi kan hin qabu jedhe ammoo dhukaasa irratti banuun reebichaa irratti raawwachaa fi qabeenyaa isaa irraa ari’aa jiraachuus jiraattotni dabaluun dubbatu.

Akka jiraattonni dubbatanitti bara darbe keessa Xaa’oon uummataaf yeroon dhiyaachuu hanqachuun walqabatee uummanni aanota kanneenii Xaa’oo malee midhaan duwwaa waan facaasaniif akka yeroo darbeetti callaa gaarii akka hin argannee himuun bara dhufutti beelaaf illee akka saaxilaman dubbatu.

Rakkina hawaasa kanaa kaabinoonni har’a afaan qawween uummata gidirsaa jiran kunneen hawaasichuma aanota kanneenii keessaa waan dhalataniif sirnaan Osoo beekanii maal na dhibdeen itti yaadanii qaamuma isaanii kana gidirsaa jirus jedhu.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading