ONM-ABO Sadaasa 27, 2023
Godina Gujii bahaa aanaa Sabbaa Boruu ganda Sabbaa Lolaleemmuu jedhamu iddoo addaa magaalaa Sabbaatti korommiiwwan Kibba Oromiyaa WBOn weerara mooraa diinaa irratti taasisuun rasaasaan waadee baarudaan macheesseen waraana maafiyaa PP utubdoota impaayeratti 24 du’aan battalatti yoo adabu 32 madoo dandammii hin qabneen miidheera.
Tarkaanfii WBOn dheengadda Sadaasa 25, 2023 fudhate kanaan loltoota faashistii Abiy Ahimed 8 harkaan kan qabe yoo ta’u, sana keessaa 3 madoon kan qabamanii dha.
Lola jabaa injifannoo cululuqaa galmeessise kan kan geggeesse humni furgaatuu Cibraan Laga Dambii meeshaa AKM Turkii 11, Raashiyaa 1, dachaatuu 4, SKS 1, rasaasa bireenaa 5000, rasaasa AKM 7000, galaa diinaa koshoroo kaartoonii 42, isqaaxillaa kuntaala 31 fi qoricha qophii 2 mooraa diinaa keessaa dhuunfachuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisee jira.
Lola malee tola hin dhuftu bilisummaan!
Injifannoon Uummata Oromoof!
