ONM-ABO Sadaasa 27, 2023
Korommiiwwan giddu galeessa Oromiyaa WBOn Kaabaa fi Kaaba Lixa Shaggar keessa socho’u guyyaa har’aa Sadaasa 27, 2023 tarkaanfii waraana faashistii PP irratti fudhateen injifannoo cululuqaa fi barcuma Abiy Ahimed rasaasaa bulu akkasumas irriba dhorkattu galmeessee jira.
Jajjabeewwan onnee sibiilaa warri diina alaalatti jibban godina Lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa, Jalduu hanga funyaan Finfinnee jalaatti diina uummata Oromoo duguuguuf deemaa jirtu irratti tarkaanfii laalessaa fudhataniin hedduu ajjeesanii, gariin madeessuun meeshaalee gurguddaa doolaarii fi kadhaan biyya alaa irraa faashistichi Abiy Ahimed galfate Moortara, Dishqaa, Baazuqaa, PKM fi isnaayippera hiikuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo ittiin gabbiseera.
Injifannoo addaa WBOn galmeesse kana guutuu isaa qabannee isiniif dhiyaanna.
Hin yaadamu harka micciruun!
Injifannoon Uummata Oromoof!
