• Mon. Mar 16th, 2026

Hidhaan maatii Qabsaa’otaa irratti gaggeeffamaa jiru jabaachuun obboleessa Ajajaa Olaanaa ABO-WBO Jaal Marroo Dirribaa Lammeessaa Obbo Abarraa Dirribaa Lammeessaa hidhattoota PPtiin ukkaamfamuun dhaga’ame

Nov 28, 2023

ONM-ABO Sadaasa 28, 2023

Hiraarfamaa fi dararaa qe’ee isaanii Keessa jiraachuu isaan dhorke dheessuun godina Horroo Guduruu Walllaggaa irraa gara Bulchiinsa magaalaa Buraayyuu naannoo Keellaa jedhamtuu dhufuun jiruuf jireenya isaanii gaggeeffachaa kan jiran obboleessi Jaal Kumsaa Dirribaa Lammeessaa obbo Abarraa Dirribaa Lammeessaa tikootaa fi hidhattoota impaayera itoophiyaatiin Sadaasa 27, 2023 toora sa’a laaqanaatti butamanii achi buuteen isaanii hin beekamin jiraachuu maddeen dubbatan.

Obbo Abarraan abbaa ilmaan saddetii fi Hojii qonnaatti bobba’uun ofiif maatii isaanii jiraachisan yoo ta’u, Jaal Marroo waliin haadhoo ta’aanii garaa tokko keessaa dhalachuu isaaniif qofa yeroo hedduu deddeebi’anii hidhamaa, manaa fi qabeenyi isaanii loltoota impaayerattiin gubatee jalaa barbadaa’uun dhuma irrattis Lubbuu isaanii olfachuuf qe’ee isaanii gatanii gara Bulchiinsa magaalaa Buraayyuutti baqatanii jiraachaa turuus dubbatan.

Humnootni tikaa impaayerattii kunneen nama kana erga ukkaamsaniin booda galgalarraa konkolaataa lamaan mana isaanii dhufuun sakattaa gaggeessaa turuus maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Maatii qabsaa’otaa hidhuu, ajjeesuu fi qe’eef qabeenya isaanii barbadeessuun qabsoo gufachiisuu akkasumas qabsa’aa abdii kutachiisuu kan itti fakkaatu murni bilxiginnaa, Guutuu Oromiyaa keessatti maatii qabsaa’otaa adamsuu hojii isaanii idilee taasifachuun namoota hedduu funaananii mana hidhaatti galchaa jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading