• Sun. Mar 15th, 2026

Manni murtii Beejiing firoota lammiilee Chaayinaa Xiyyaaraa Maaleezhiyaan  dhabamaniif dhaddacha eegalu Associated Press gabaase

Nov 28, 2023

ONM-ABO Sadaasa 28, 2023

Manni murtii Beejiing firoota lammilee Chaayinaa bara 2014 Daandii Xiyyaaraa Maaleezhiyaa balalii gara Beejiingitti godhamaa turee dhabameen du’an  irratti ganama kaleessaa dhaddacha beenyaa jalqabe, dhimmi kun waggoota kurnan boodas iccitiidhaan haguugamee jira.

Naannoo Mana Murtii Giddugaleessaa Aanaa guddittii Chaayinaa Chaoyang jedhamutti eegumsi nageenya cimaan kan ture yoo ta’u, odeeffannoon bal’aan battalumatti hin argamne. Poolisiin eenyummaa gaazexeessitootaa bakka sanatti sakatta’ee naannoo marfameetti ofirraa ittisaa ture. Gabaastotni firoonni mana murtii seenuu arguu danda’anis  dhaddachi osoo hin jalqabin dura isaan waliin haasa’uu hin dandeenye.

Mana murtichaa irraa yaadni hatattamaa kan hin kennamne yoo ta’u, Ministeerri Dhimma Alaa Chaayinaa dhimmicha irratti gaaffilee dhiyaatan aangawoota seeraaf dabarseera.

”Mootummaan Chaayinaa tarkaanfii hordoffii MH370f xiyyeeffannoo guddaa kenna. Qaamoleen dhimmi ilaallatu qunnamtii dhiyoo akka qabatanii fi sirnaan akka qabatan abdii qabna,” jechuun dubbi himaan ministeerichaa Waang Wenbin ibsa guyyaa guyyaa kaleessaa kennaniin dubbataniiru.

Hiree xiyyaarichaa ilaalchisee yaadonni adda addaa kan ka’an yoo ta’u, kunis kufaatii makaanikaalaa, yaaliin butamuu ykn namoota kutaa xiyyaarichaa keessa jiraniin itti yaadanii isa kuffisuuf yaaliin godhame dabalatee yaadotni adda addaa ka’us xiyyaarichi maaliif daandii jalqabaa Kuwaala irraa akka maqe ragaaleen muraasni argameera.

Xiyyaarri Boeing 777 imaltoota 227 fi hojjettoota 12 qabu kibba Hindiitti galaana Kibbaa keessa akka lixe kan amanamu yoo ta’u, ji’ootaaf sakatta’iinsa cimaa eessatti akka gadi bu’een isaa kan hin argamnee fi qarqara galaanaa naannoo sanaa irratti ciccitaa xiyyaarichaa qofti argamuutu dubbatamaa ture.

Imaltoota xiyyaara sana keessa turan keessaa 153 ykn 154 herrega adda addaatiin lammiilee Chaayinaa yoo ta’an, balaan kun keessumaa Beejiing keessatti akka dhaga’amu taasiseera.

Bakka guyyaa guyyaan ibsaa fi dammaqiinsa namoota achi buuteen isaanii dhabamaniif gaggeeffama turee dha. Firoonni tokko tokko xiyyaarichi bakka hin beekamnetti akka geeffamee fi namoonni isaanii lubbuun akka hafan amanuudhaan bade jedhanii fudhachuu  didan, akkasumas kaffaltii gara laafinaa xiqqaa daandii xiyyaaraa irraa fudhachuu didanii turan.

Bal’inni himannaa kanaa ammallee ifa kan hin taane ta’us, firoonni isaanii toora interneetii irratti wal qunnamaa kan turanii fi, dhaddachi kun hanga walakkeessa Muddeetti akka dheeratu ni eegu jechuun dhimma Xiyyaaraa Maaleezhiyaa bara 2014 dhabameen wal qabatee dhaddacha beenyaa Manni Murtii Beejiing kaleessa eegale ilaalchisuun gabaasa Associated Press qabatee ba’e ni addeessa.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading